Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa Magaalaa Naayroobii ka Jiraatan Baqattoonni Oromoo Ayyaana Irreechaa Laqa Qamalee Jedhamutti Kabajan


Ayyaana Irreechaa Naayroobiitti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:28 0:00

Ayyaanni Irreechaa dhuma torbee daree kana, Oromiyaa magaala Finfinnee fi Bishooftutti kabajamee jira. Lammileen Oromoo addunyaa bakka gara garaa jiraatanis ayyaana kana kaan sanbata, kaan ammo kaleessa dilbata, kabajaniiru.

Keeniyaa magaalaa Naayroobii ka jiraatan baqattoonni Oromoo ayyaana kana ‘City Park’ yookiis laga qamalee bakka jedhamutti kabajan. Ayyaana kana gubbaatti, baqattoonni biyyaa baqatanii Keeniyaa fi biyyoottan ollaa jiraatan, lammileen Keeniyaas irratti hirmaataniiru.

Ayyaanicha ka qindeessan baqattoonni, ‘dhiyeenyaoa as lakkoofsi baqataa Oromoo biyyaattii keessa jiraatu waan hirrataa dhufeef dhalattoonni Oromoo Booranaa ka Keeniyaa jiraatan itti gaafatamummaa ayyaanicha qopheessuu akka fudhataniif itti dabarsanii jiru.

Liiban Halakee Abbaan Malkaa Ayyaanichaa ‘Sichi baqataan galus nutu qindeessee kabajaa’ jechuun dubbataniiru.

Viidiyoo gabaabaa kana daawwadhaa, mudannoo ayyaanaa keessan akkam akka tures yaada nuuf hiraa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG