Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaaba Keeniyaatti Bokkaan Roobe Mana 192 Balleesse; Namni Hedduunis Manaa Baqate


Bokkaan Kaaba Keeniyaa fi Godina Booranaa ka Itiyoophiyaatti roobaa jiru jiraattotarraan miidhaa geessisaa jira. Keessumaa Keeniyaa kutaa bulchiinsa maarsabiitti bokkaan jidduu kana robe kaleessa mana nama 192 ol akka mancaase anagawi naannichaa VOA’f himaniiru. Galmoo Daawit.

Guyyoota afran darban kana roobni cimaan ka Kaaba Keeniyaa fi kibba Godina Booranaa Itiyoophiyaa keessatti roobaa jiru manneen jireenyaa jigsee qabeenya horii fi kaanirraanis balaa dhaqqabsiisee jira.

Kaaba Keeniyaatti Bokkaan Roobe Mana 192 Balleesse; Namni Hedduunis Manaa Baqate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00

Keessumaa Kutaa Bulchiinsa Maarsabiit ganda boollangoo hedduu qabdu Golboo keessatti bokkaan kun roobee lolaan cimaan lola’e balaa geessisuu miseensi paarlaamaa naannichaa Abdurraahmaan Shee Bashir ni dubbatu.

Roobi guyyaa afuriif roobe kun haga yoonaas guutummaa guutuutti akka hin dhaabbanne himanii warri manni lolaadhaan duraa jige gargaarsa haa argatuuf, dhaabbilee gargaarsaa fi mootummaa giddu galeessaa keeniyaatti iyyataa jirra jedhan Mr. Abdurrahiman.

Miseensi paarlaama naannoo kun akka jedhanitti roobi ganda Golbo keessatti balaa kana kan geessiseef teessumni lafa ganda kanaa dhooqaa waan ta’eef tahuu himanii, warri manni irraa jigee qe’ee baqates gandootii ollaa keessa fulaa namaarra qubatanii akka jiran himan.

Jiraattonni godina Booranaa Oromiyaas roobni kun jidduu kana keessumaa naannoo magaaalaa Mooyyaleetti garmalee roobaa jiraachuu dubbataniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG