Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarkiin Tokkummaa Kan Masaraa Mootummaa Itiyoophiyaa Uummataaf Banaa Ta’uuf Jira


Waajjira muummicha ministeera Abiy Ahimeditti itti gaafatamtuun damee afaan biyyootii alaa fi digitalii BiilLenee Siyyuum haaromsamuu masaraa mootummaa ilaalchisuun akka dubbatanitti projektiin kun qaama “Medemer” kan muummichi ministeeraa geggeessanii ti jedhan.

Haaromsi masaraa mootummaa kun jijjiirama biyyattii keessatti adeemaa jiru waliin attamiin wal arga jechuun gaaffii Eskinder dhiyeesseef akkas jechuun deebisan.

Egaa muummichi ministeerichaa aangootti erga dhufanii as akkuma sanaan kan isan godhan yoo jiraate keellaa sana ilaaluu dhaan maal qabna ka jedhu ture. Kunis yaada “Medemer” waliin hedduu kan wal ilaallatu dha.

Kunis qabeenyaan keenya maal akka fakkaatu ilaaluun qabna ka jedhu qaama“Medemer” jedhuu ti. Waan gaarii ta’e ilaaluu dhaan deebisnee ijaarree, ittis daballee attamiin gara fuula duraatti tarkaanfanna ka jedhu yaadi isaa.

Yaadi “Medemer” illee kallattii badhaadhinaatti attamiin deemna kan jedhu. Kanaaf haaromsi masaraa mootummaa fi “Andinet Paark” banamuun isaa qabeenyaa nuti qabnu kan uummataaf banaa utuu hin ta’in ture, seenaa gaariin kan keessa jiru, gaarii kan hin ta’in illee kan keessa ture dha. Hooggnoonni as turan ashaaraa isaan dhiisanii darban maali? Kan jedhuu fi maal irraa barra kan jedhu muummichi ministeeraa inni kunis seenaa ofii isaanii galmeessanii hojiin dhaloota boriitti attamiin akka darbu haaromsa mul’isee dha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG