Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed Nobelii Nagaa Badhaafaman


Muummichi ministeeraa Itiyoophjiyaa Abiy Ahimed Alii tattaaffii nageenya buusuu biyya hollaa Eertraa waliin godhaniif Noobelii Nagaa kan bara 2019 badhaafaman.

Dura teessuun koree Noobeelii Noorweey kan miseensota shan qabuu fi noobeelii nagaa badhaasu, Beriit Riis Andeersen akka jedhanitti Abiy kan muudaman walitti bu’iinsa biyyi isaanii Eertraa waliin qabdu furuuf bara 2018 aangootti dhufanii baatilee xiqqoo keessatti kaka’umsa ijoo isaan godhaniif jecha.

Koreen Noobeelii Noorweey Abiy erga muummicha ministeeraa ta’anii guyyoota duraa 100 keessatti labsii yeroo hatattamaa kaasan, hidhamtoota siyaasaa kumaan laka’aman akka gad dhiisaman labsan, saansuriin sabaa himaalee akka hafu taasisan, gareelee mormitootaa ugguramanii turan seeraan akka galmaa’an godhan, hoogganoota waraanaa fi siivilii kanneen malaammaltummaan shakkaman aangoo irraa kaasan, dubartoonni siyaasaa fi jireenya hawaasummaa keesatti dhiibbaa isaan qabaatan akkaan akka dabalu taasisaniiru.

Koreen sun dimokraasii Itiyoophiyaa keessaa jajjabeessuuf hojiin hafee kan jiru ta’uu ibsee, walii galteen nageenyaa Eertraa fi Itiyoophiyaa gidduu garuu biyyoota lamaan gara jijjiirama gaarii ta’etti geessa jedhee kan abdatu ta’uu beeksise.

Koreen Noobelii itti dabaluu dhaan muummichi ministeeraa Abiy adeemsa araaraa Afriikaa bahaa fi Kaaba gama bahaa keessatti gumaacha isaan qabaataniif beekkannaa kenneefii jira. Badhaasi doolaara kuma 900 Muddee 10 Osloo keessatti kennamuuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG