Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Waa’ee Badhaasa Nobeelii Injifatan Maal Jedhan?


Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahimed Ali badhaasa Nobeel kan Nagaa bara 2019 har’a injifatanii jiru.

Dura teessuun koree Noobelii Noorweey Berit Raasoo mushin akkas ibsantiKoreen Nobelii Noorwee Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Abiyyi Ahimed Alii nagaa fi waliitumsa sadarkaa addunyaa argamsiisuuf carraaqqii godheef keessumaa, wal-dhibdee daangaa biyya ollaa isaa – Ertiraa waliin ture furuuf tarkaanfii murteessaa fuddhateef badhaasa Noobelii nagaa ka bara kuma lamaa fi kudha sagalii akka badhaafamu murteessee jira jedhan.

Kana malees Dr. Abiyyi Itiyoophiyaa keessatti jijjiramnii akka argamu gochuun kunis siyaasa duraan mootummaa qofaan qabamee jiru irratti kan qiyyaafate ta’u dura buutuun Koreen Nobeel ibsanii jiran.

Gama kaaniin Barreessaan Koree Noobelii Noorweey – Oslav Niyoostaad yeroo muummicha-ministaraa Abiyyif bilbilanii badhaasichi Nobelii kan Nagaa bara 2019 akka isaaniif kennamu murtaa’uu isaa itti himan akkana jechuun simatan.

“Baay’ee galatoomi. Kun badhaasa Afrikaa fi Itiyoophiyaadhaaf kenname. Hoogganoonni Afrikaa ka biroon ardii keenya keessatti nageenya ijaaruu irratti hojjechuuf hagam kana qajeelummaatti akka fudhatan nan tilmaama. Baay’ee galatoomi. Bay’ee gammadeen jira. Baay’ee itti mirqaaneen jira jedhan.

Gama kaaniin Jaapaan kan jiru Ambaasaadarri Ertraa Isxifaanos Afawarqii mummicha ministeera Abiyyi Ahmadiin baga gammaddan jedhanii jiran.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Waa’ee Badhaasa Nobeelii Injifatan Maal Jedhan?
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:17 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG