OROMIYAA —
Koreen Nobelii biyya Noorweey madheffate, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed, “nagaa fi waliitumsa sadarkaa addunyaa argamsiisuuf carraaqqii godheef, keessumaa, wal-dhibdee daangaa biyya ollaa isaa, Ertiraa waliin ture furuuf tarkaanfii murteessaa fuddhateef” jechuudhaan badhaasa Noobelii nagaa ka bara kuma lamaa fi kudha sagalii akka badhaafaman murteessee jira.
Waa’ee badhaafamuu muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa kana lammiwwan biyyattii akkamitti ilaalan. Raadiyoon sagalee Ameerikaa Finfinnee, Amboo, Adaamaa, Booranaa fi mooraalee baqattootaa Keeniyaa keessaa irraa namoota haga tokko dubbisee jira.
Guutummaa isaa caqasa