Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Yunaatitid Isteetis Badhaafamuu Noobelii Nagaa Muummicha Ministaraa Itiyoophiyaa Dhaamsa Gammachuu Ergan


Ibsa barreeffamaan Onkoloolessa 12, bara 2019 baasaniin, Yunaayitid Isteetis Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa Noobelii Nagaa Kabajamaa 100ffaa badhaafamuuf baga milkoofte jetti jedhan. Ardii Afrikaa keessatti nageenya fiduu fi wal-dhibdee biyyi isaanii Ertiraa waliin qabdu xumuruuf cichi Muummichi-ministaraa Abiyyi agarsiisan gootummaa, ciminaa fi hoogganummaa isaanii mul’isa. Badhaasa seena-qabeessa kanaaf Itiyoophiyaa fi ardii Afrikaa waliin gammachuu keenya ibsina, jechuun dhaamsa isaanii dabarsan, ministarichi.

Yeroo ammaa dhaloota Afrikaa haaraa hawwii badhaadhinaa fi nageenya egereen guutaman tu mul’ataa jira. Dimookiraasummaa fi nagayaa Afrikaa keessatti jabeessuuf carraaqqiin Muummichi Ministaraa Abiyyi godhan akka hoogganoonni egeree naannoolee isaanii keessatti tarkaanfachiistota jijjiirama qajeelaa ta’an toosisa. Koreen Noobelii carraaqqii baay’ee gaarii Dr. Abiyyi addunyaa keenya irratti nageenya babal’isuu fi walitti-bu’insa dhaabsisuuf godhaniif beekamtii kennuu isaa ni dinqsiifanna, jedha ibisichi ministarri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Maayikil Poompihoo baasan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG