Angawaan dhaabata kanaa Obbo Masfin Wasan Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti poliyoon kun bulchiinsa naannoo Somaalee kan Puntlaand waliin wal daangeessu irratti argame.
Daangaa ce’uun gara Somaaliilaand fi puntlaand deemanii achiis kan deebi’an akkuma jiran yeroo Itiyoophiyaa keessatti talaaliin raabsamuu kanneen gara naannoo lamaan sanatti imalanni jiru jedhan.
Kanaaf jecha giddu gidduutti ijoolleen talaalii hin argatiin hafuun rakkoo akkasii uuma jedhan.Kunis haala jireenyaa hawaasaa kan sochiin dhala namaa itti heddumaatu waan ta’eef gama talaalii waliin ga’uuf danqaa ta’u ibsan.
Amma garu somaaliilaand fi puntlaand waliin wal ta’uun duula talaalii kennuu gaggeessuuf qophiin akka jiru ibsamee jira.