Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dodola Keessatti Hiriira Mormii Geggeessame Irratti Lubbuun Namaa Badee Manneen Gubachuutu Gabaasame


Dargaggoonni Oromoo Kamisa harraa mana jireenya Jawaar Mohaammad funduratti argaman yeroo dhaadannoo dhageechisan, Onkoloollessa 24, 2019
Dargaggoonni Oromoo Kamisa harraa mana jireenya Jawaar Mohaammad funduratti argaman yeroo dhaadannoo dhageechisan, Onkoloollessa 24, 2019

Arsii Lixaa keessatti kaleessaa qabee walitti bu’iinsa magaalaa Dodolaa keessatti uumameen namoonni afur ennaa ajjeefaman 40 ol yoo madaa’an, manneen jireenyaa lakkoobsi isaanii hin beekamne gubachuu jiraattonnii fi poolisiin magaalattii ibsaniiru.

Jiraattota magaalattii keessaa namoonni VOAf ibsan mana sagadaa Kidanemiret jedhamu keessa dahatanii kan jiran ta’uu isaaniif manneen kun hanga ammaa manneen jireenyaa gubataa jiraachuu fi manni sagadaas gubachuu dubbataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira adeemsa hojii naga eegsisuu magaalaa Dodolaa saajin Hajii VOAf akka ibsanitti walitti bu’iinsi sun kan ka’e dargaggoonni Oromoo deggersa Jawar Mohammediif qaban ibsatanii deebi’aa utuu jiranii ijoollee Amaaraa fi Oromoo gidduutti sababaa hin beekaminiin walitti bu’iinsa uumameen ta’uu ibsaniiru.

Manniin gubataa turan, haala jirus hookkara bittinneessaa waliin ta’uu dhaan qabbaneessuu yaallee jirra, lubbuun namootaas darbuu mirkaneessaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG