Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nageenya Uummataa Eegsisuun Itti Gaafatama Mootummaati: Abbotii Amantii


Mootummaan Itiyoophiyaa biyyatti keessatti olaantummaa seeraa kabajsisuun nageenya uummataa eegsisuuf itti gaafatama irra jiru hojii irra olchuu qaba jechuun “Gumiin Dhaabbattottota Amantii kan Itiyoophiyaa” kaleessa hubachisee jira.

Biyyatti naannoo tokko tokkotti, keessumaa Oromiyaa keessatti torban dabre tasgabIi dhabinsaa fi walitti bu’iinsa uumame ilaalchisuun ibsa kana kenne - gumichi.

Abbotiin amantii kaleessa ibsa baasan kun walitti bu’iinsa uumameen kanneen lubbuu ofii dhabaniif gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun firaaf fi maatiif jajjabina hawwanii jiru.

Jeequmsaa fi tasgabii dhabiinsa kanneen kakaasan seera duratti akka dhiyaatan hawaasnis keessumaa dargaggonni seeraaf buluu akka qaban hubachiisan. Itti gaafatamtoota sadarkaa Fedeeraalaa fi naannoo giddutti wanni muddamsa fakkaatuu fi mul’ataa jiru nagaa fi guddinaa biyyaf bu’aa waan hin qabneef jecha sadarkaa guutuu biyyaatti walta’iinsa jajjabeesuuf jecha walii wajjiin hojjachuu akka qaban gaafatan.

Abboota amantii ibsa kana kennuutti hirmaatan keessaa Prezidaantii Gamtaa Waldoota warra wangeelaa Itiyoophiyaa - Pastor TsaadiQuu Abdoo hogganaan mana marii dhimma Islaamaa Oromiyaa akkasumas miseensa Ulamaa’oota Federaalaa kan ta’an Sheek Hajjii Ibraahim Tufa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame Caqasaa.

Nageenya Uummataa Eegsisuu Itti Gaafatama Mootummaati:Abbotii Amantii
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:42 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG