Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gumii Eldalloo fi Godina Booranaatti Nami 150 Hidhame’ - Jiraattota


Godinaalee Booranaa fi Gujii Bahaa keessatti rakkoo nageenyaan wal qabatee ammas jalqaba torbee kanaa namootni humna naga kabachiiftota mootummaan to’annaa jela oolfamuu jiraattonni Sagalee Ameerikaaf dubbatan.

Jiraattonni godina lameenii waan hidhaa kana dubbatan akka jedhanitti keessumaa Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eldalloo keessatti nami 150 to’annaa poolisii fi humna nageenya naannoo jela jira jedhu.

Gumii Eldalloo fi Godina Booranaatti Nami 150 Hidhame’ - Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:27 0:00

Dabalaniis jiraataan kun,Gujii Bahaa Gumii Eldalloon ala, Godina Booranaa Aanaalee daangaarra jiran keessattis namootni hedduun to’annoo jela oolfamaa jiraachu himan.

Sora Jaarsoo jiraataa Aanaa Gumii Eldallooti; dhimma humna hidhatee naannoo jiru to’achuun wal qabatee maatiin ijoolleen isaanii waan kana keessaa harka qabu jedhaman hidhamuu isaanii himee abbaan isaa jaarso Annaa nami ganna 70 wixata darbe qabamanii hidhaa jiruu jechaan dubbate.

Soraan dabalee abbaan isaas tahe namootni isaani waliin to’annaa jela jiran mana murtiif hin dhiyaanne jedhe. Waan hidhamuu namootaa kana Waajjira Bulchiinsa fi Nageenya Aanaa Gumii Eldalloo obbo Abdii Kuulee gaafatamanii namootni to’annaa jela oolfaman warra saamichaa fi yakka gara garaarratti bobba’eedha jedhan.

Obbo Abduun lakkoofsi namoota to’annaa jela oolaniis 150, hin gahuu jedhan, meeqa tahu gaaffii jedhu gaafannaanis ammaaf odeeffannoo guutuu akka harkaa hin qabne himanii dhiyootti garuu warri to’annaa jela jiru kun mana murteef dhiyaataa jedhan.

Haala Godina Booranaa ammoo ka gaafataman Bulchaa Godinichaa Obbo Guyyoo Galgaloodha. Humni hidhatee godinicha keessa socho’u Aanaa Guchii keessatti angawoota fi humna naga kabachiiftota mootummaa torbee darbe keessa ajjeesuun wal qabatee namootni yakka kanaa fi hojii seer maleessummaa kaan keessaa harka qaban to’annaa jela oolfamaa jiraachuu dubbatu.

Jiraattonni humni naga kabachiiftota mootummaa maatii warra hidhatee socho’aa jiruurra miidhaa dhaqqabsiisaa jira jedhanii yoo himatan bulchaan godina booranaa Obbo Guyyo garuu yakka tokko malee nami to’annaa jela oole hin jiru jedhan.

Dhimma jiraattonni mootummaan namoota naannoo hidhannaa hin qabne warra hidhate akka loluuf ergaa jiraa jedhus, sun dhugaa miti jechaan deebii kennanii jiru.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG