Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu''iinsa Tibbanaatin Wal-qabatee Nammoonni 407 To'annaa Jala Oolfamuun Himame


Amboo (suuraa faayilii)
Amboo (suuraa faayilii)

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti, Onkoloolessa 11 haala uumame wajjiin wal-qabatee walitti-bu’insa kakaasuutti kanneen shakkaman – namoonni 407 to’annaa jala oolfamuu Mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Waajira Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaatti, itti-gaafatamaan Gola Preesii – Obbo Nigusuu Xilaahuun, har’a, haala yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’atu ilaalchisuun ibsa kennaniin kana dubbatan.

Walitti-bu’insa yeroo sana uumameen lubbuun namoota 78 dhabamuu isaas himanii jiran – Obbo Nigusuu

Rakkoo uumame kana furuuf carraaqqii maanguddoonni, dargaggoonnii fi qaamonni hawaasaa ka biroon godhan, jedhuufis – mootummaan galata galchee jira.

Walitti-bu’insichi kan uumame, haala qabiinsa regeessa Jawaar Mohammed irratti mormii ka’e wajjiin wal-qabatee tahuu, dubbi-himtuun muummicha-ministaraa Abiyyi Ahimed, Bilenee Siyyum ibsuu isaanii, maddi oduu Rooyiters himee jira.

Itiyoophiyaa keessatti, waggaa tokkoo fi walakkaa dabre keessatti, walitti-bu’insawwan akkanaa uumamanitti shakkamanii kanneen hidhaman namoota kuma 3 fi dhibba 2 fi 21 keessaa, kanneen kuma 2 tahan seeratti dhihaachuu isaanii, Obbo Nigusuu Xilaahuun, har’a waajira muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa irraa dubbatanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG