WAASHINGITAN, DIISII —
Kaleessa, daandiin Baaburaa fi Konkolaataa Itiyoophiyaa fi Jabuutii wal-quunnamsiisu, sababaa sochii mormiitiin cufamee turuu isaa, jiraattonni VOAtti dubbatanii jiran.
Waa’ee mirga abbummaa gandeen daangaa naannoo Somaalee fi naannoo Affaar irra jiranii irratti wal-dhibdee uumame irraa mormniin sun isaa dubbata – lammiin Somaalee aanaa Siitii keessa jiraatu tokko. Raayyaan ittisaa achi bobba’ee har’aa daandiilee sana banuun isaas himamee jira.
Gabaasaa Habtaamuu Siyyum, Tujubee tu dhiheessa.