Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jibbi Midiyaa Tokko Tokko Irraa Dubbatamaa Jiru Miira Nama Hammeessa: Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu


Abbaan Gadaa Tuulamaa Duraanii Bayyanaa Sanbatuu
Abbaan Gadaa Tuulamaa Duraanii Bayyanaa Sanbatuu

Sabaa himaan ykn Midiyaan biyya keessaa tokko tokko jibbi gosa irratti qiyyaafachuun facaasaa jiran biyyatti gara hamaatti ofaa jira jechuun Doktora kabajaa kan ta’an Abba Gadaa Bayyanaa Sanbatuu ibsanii jiru.

Dullii akkasii dargaggootas ta’e kanneen biroo miira keessa galchuu kan danda’u waan ta’eef mootummaan dhimmi ilaalacha itti kennuu qaba jedhan.

Seera kabajsisuun dhimma mootummaa qofaaf dhiifamu otoo hin taane namnii hundi qooda fudhachuu akka qabu akkasumas obsaan waan seeraan alaa hojjatamu aangawootatti beeksisuun akka hubatan gochuu malee humnaan deebii kennuun furmaata akka hin taane ibsan.

Dhaabileen siyaasaa kan Oromoos dhugaa garaa keessaa ta’een uummata isaaniif hojjachuu akka qaban kan hubachiisan Abba Gadaa Bayyaanaan gaaddiisa hogganasa Oromoo jalatti waan jalqabanii jiran fixaan baasu qabu jedhu.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa

Jibbi Midiyaa Tokko Tokko Irraa Dubbatamaa Jiru Miira Nama Hammeessa: Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:59 0:00



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG