Akka labkkoobsa Itiyoophiyaatti, Onkoloolessa 12, bara 2012 irraa jalqabee, bulchiisota naannoo Oromiyaa fi Harariitti, akkasumas, magaalaa Dirre-dhawaatti walitti-bu’insawwan uumamanii fi lubbuu namoota hedduu dhume ilaalchisee, muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimad haasawa gochuun ka kaleessaa kun ka jalqabaa tahuu isaa ti. Walitti-bu’insawwan biyyattii keessatti ka’anitti ka miidhamu lammiwwan Itiyoophiyaa mara tahuu, haala dhiheenya uumame akka fakkeenyaatti fudhachuun, ibsan – muummichi-ministaraa Abiyyi Ahimad.
”Gochaa boquu nama buusisu gidduu kana biyya keenya keessatti raaw’atameen lubbuun namoota 86 akka salphaatti darbee jira. Wanna tahe kana karaa saalaatiin yooo ilaalle, dhiirota 82 dubaroota 4 tu du’e. Sab-lammummaadhaan ennaa ilaallu immoo, lammiwwan dhalata Oromoo 50, lammiwwan dhalata Amaaraa 20, lammiwwan dhalata Gaqammoo 8, lammiwwan dhalata Silxee 2, lammii dhalata Guraagee 1, lammiwwan dhalata Adiyyaa 2, akkasumas, lammii dhalata Argobbaa 1 fi lammii Itiyoophiyaa sab-lammiin isaa adda hin baafamiin 1 tu akka malee lubbuun isaanii dabre. Amantaadhaan yoo ilaalle, Kiristaanota 40, musliimota 34, kanneen biroo fi kanneen amantaan isaanii hin beekamiin 12 tu lubbuun darbe. Nama ajjeesee fi nama ajjeesame adda-baasnee yoo ilaalle, namootni garee uummachuudhaan walitti-bu’insa taasisasaniin namoonni du’an 76 yoo tahan, humnoota naga-eegumsaatiin kanneen lubbuun isaanii dabre namoota 10. Daataa kana bifa kanaan ibsuun sababaan barbaachiseef, rakkoon tokkoo ennaa uumamu, saba-lammiin inni hin ajjeesne, saalli inni hin ajjeesne, amantiin inni hin ajjeesne kan hin jirre tahuu kana irraa barachuun kan danda’amu waan taheef,” jedhan – muummichi-ministaraa – Abiyyi Ahidmad.
Mootummaan isaanii walitti-bu’insoota qabbaneessuuf hojii hojjetu, hawaasni akka gargaarus gaafatanii jiran. Midiyaalee yokaan sabaa-himaalee dabalee, gareen kamiyyuu gochaalee walitti-bu’insa hammeessan irraa akka of qusatu hubachiisan.
Gabaasaa guutuu caqasaa