Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Yuniversitii Waldiyaa Muddamsuu Keessa Jira Jedhu Barattoonni


Hoggantoonni biiroo barnootaa Oromiyaa baratoota miidhaman yeroo dubbisan
Hoggantoonni biiroo barnootaa Oromiyaa baratoota miidhaman yeroo dubbisan

Sodaa keessa jirra kan jedhan barattoonni Oromoo Yuniversitii Waldiyaa, nyaata illee nyaachuuf gara galmaa ennaa deemnu eegumsa raayyaa ittisaanii jedhu. Sodaa qabnu irraan kan ka’e halkan bakka tokkotti walitti qabamnee bulle jedhaniiru.

Walitti bu’iinsa sambata darbe Yuniversitii Waldiyaa keessatti uumame lubbuu barattoota lamaa erga galaafatee as haalli mooraa Yuniversitichaa muddama jala jiraachuu dubbatu barattoonni.

Ijoolleen garee uummatanii socho’uu isaanii argina kan jedhan itti gaafatamaan dhimmootii kominikeeshinii Yuniversitii Waldiyaa obbo Teferraa Asnaaqee, miidhaan akka hin geenye ittisuuf ijoolleen kun dabaree eegamanii akka bakka nyaataa dhaquu mirkaneessaniiru.

Ijoolleen Haleellaa yeroo darbeen miidhaan irra ga’e wal’aanamanii mooraatti deebi’uu dubbatanii kanneen haleellaa sana raawwatan jedhamuun shakkaman to’annaa jala oolfamanii qorannaan geggeessamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Haalli Yuniversitii Waldiyaa Muddamsuu Keessa Jira Jedhu Barattoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:21 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG