Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Waldiyaa Keessatti Har’a Hiriirri Gaggeeffamee Jira


Marii Yunvarsiitii Woldiyaatti geggeeffame
Marii Yunvarsiitii Woldiyaatti geggeeffame

Dhiyeenya kana Yunivarsitii Waldiyaa keessatti lubbuu barattoota lamaa galaafatamuu fi midhaa dhaqqabe kan balaaleeffate hiriirri har’a kun maatiwwan namnii jalaa ajjeefameef jajjaabina hawwina jedhee jira.

Yunivarsitii fi barattoota isaa irraa barnoota malee ajjeechaa, tokkummaa malee addaan bahuu barachuu hin qabnu sagalee jedhuus dhaga’amee jira.

Kantibaan magaalaa Waldiyaa Obbo Mohammad Yaasin akka jedhanti gochii ajjeechaa kun magaalattis ta’e uummata Amaaraa kan bakka bu’u otoo hin taane fedhii namoota dhunfaa muraasa irratti kan qiyyaafatee fi gocha badii ta’u ibsan.

Walii-wajjiin jireenyaa fi tokkummaa uummataa irratti kan qiyyaafate waan ta’eef balaaleeffatamuu qaba jechuun dubbatan kantibaan Waldiyaa.

Waldiyaa Keessatti Har’a Hiriirri Gaggeeffamee
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:35 0:00

(Gabaasa Masfiin Araagee Dasee irraa erge)

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG