Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawwaannisi Gammoojjii Midhaan Itiyoophiyaa Balaa Irra Buusaa Jiraa


Hawwaannisi Gammoojjii Midhaan Itiyoophiyaa Balaa Irra Buusaa Jiraa
Hawwaannisi Gammoojjii Midhaan Itiyoophiyaa Balaa Irra Buusaa Jiraa

Angawoonni qonnaa Itiyoophiyaa weerara hawwaannisaa cimaa kan midhaan biyyattiif balaa ta’e to’achuuf tarkaanfii fudhataa jiraachuu beeksisan.

Hawwaannisi gammoojjii kun Yemen irraa Itiyoophiyaa kan seene baatii Waxabajjii keessa ta’uu hoogganaan kunuunsa biqiltuu Zebdiyoos Salaatoo beeksisaniiru.

Akka qorannaa torban darbe lafa Hektaara kuma 82 irratti geggeessametti hawwaannisi gammoojjii kun lafa hektaara kuma 32 irra hedduun Oromiyaa, Amaaraa fi naannoo Affaar ta’uu Salaatoon VOAf ibsaniiru.

Weerarri hawwaannisaa marsaa lammataa Yemen irraa dhufaa jiraacchuu isaaf gara baddaa Somaalii laanditti kan qajeelan yoo ta’u Itiyoophiyaa kibba gama bahaatti illee darbu jedhamee kan eegamu ta’uu Salaatoon beeksisaniiru.

Itiyoophiyaan bara 2003 fi 2004 keessa weerarri wal fakkaatu kan isee mudate ta’uu Salaatoon isanii akka isa miilanaa hedduu miti jedhan.

Qonnaan bultoonnii fi angawoonni naannoo sagantaa nyaata addunyaa waliin ta’uu dhaan weerara kana ittisuuf hojjechaa jiran. FAOn akka tilmaametti hawwaannisi gammoojjii tokko guyyaatti hammuma ulfina qaama isaa jechuun midhaan graama lama ta’u barbadeessa.

Bakka buutuun FAO kan damee Itiyoophiyaa Faatomaa Seyid torban darbe ibsa kennaniin weerara kana ittisuuf hatattamaan ratkaanfii fudhachuu qabna jedhan. Hayyoonni jaarmayaa gargaarsaa Ameerikaa USAID haala weerara hawwaannisa gammoojjii Itiyoophiyaa keessaa qorataa jiraachuu bakka buutuun dhaabichaa VOAf ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG