Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Weerarri Koleeraa Mullate Jedhame Akka Hin Baballanneef Ummata Hubachiisaa Jirra’ Biiroo Eegumsa Fayyaa Mooyyalee


Fakkiin kun barreeffama waayee dhukkuba Koleeraa barsiisuuf Ministira Fayyaa Itoophiyaatin qophaahe irraa fudhtame

Kaleessa galgalaa kaasee magaaala Mooyyaaleetti dhibee koleeraan namootni 20 ta’an dhukkubsatanii yaala fudhataa akka jiran Diirekterri buufata eegumsa fayyaa Mooyyalee VOA’f himaniiru.

Biiroon eegumsa fayyaa Mooyyalee weerarri dhukkuba koleeraa magaalattii keessatti akka hin mullanne hawaasi eeggannoo akka godhu dhaame

Bokkaa Godina Booranaa fi kibba biyyattiitti roobaa jiruun wal qabatee weerarri dhukkuba koleeraa Mooyyalee fi naannoo isheeti akka hin baballanneef biiroon eegumsa fayyaa aanaa mooyyalee jiraattota akeekkachiisaa jira.

Jaarsoo Mallisee Diirekterri buufata eegumsa fayyaa mooyyalee akka jedhanitti dhukkubi kun dhiyeenyaa as magaalattii keessatti mumullataa akka jiru himanii kaleessumaayyuu namni 20 dhukkubsatee yaala akka fudhataa jiru dubbatan.

Diirekterri buufata fayyaa kun, warra dhukkubsate keesaa harki caalu dubartoota ta;uu himanii ka haalli nageenya isaanii nama yaaddessu hin jiruu jedhan.

Dhibeen kun keessumaa erga bokkaan roobee as ji’oota lamaan kana mullachuu jalqabuu himanii, inni kaleessaa kun ammoo Mooyyalee naannoo ganda 01, Arballee fi Shawaa Berriitti mullate jedhan.

‘Weerarri Koleeraa Mullate Jedhame Akka Hin Baballanneef Ummata Hubachiisaa Jirra’ Biiroo Eegumsa Fayyaa Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:12 0:00


Yaada kenni

XS
SM
MD
LG