Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Badhaadhina Hundeeffamuun Labsamee Jira. Paartileen Morkattootaa Maal Jedhu?


Paartii haaraan Badhaadhina jedhamu hundeeffamuu mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad Wixata Sadaasa 19 bara 2019 labsan. Afaan Oromoo Afaan hojii “paartii Badhaadhiinaa” akkasumas kan mootummaa akka ta’uuf murteeffamuus ibsanii jiru.

Kun gaaffii Uummanni Oromoo yeroo dheeraaf dhiyeessaa turee ta’uus ADWUI biraa deebii dhabee akka ture ibsamee jira. Gara fuula durattis Paartiin Badhaadhinaa gaaffilee Oromoof deebii kennuuf jecha qiyyaafatee kan hojjatu ta’u Dr.Abiyyi ibsanii jiru.

Uummanni Oromoo fi miseensonni ODP milkaa’ina Paartii Badhaadhinaaf tumsa akka godhaniif Mummichi ministeera Abiyyi gaafatanii jiru.

Gama kaaniin haasawaa mummicha Ministeeraa kana irratti yaada akka kennan kan gaafataman Obbo Qajeelaa Mardaasaa ABO irraa akkasumas Obbo Mulaatu Gammachuu KFO irraa akka jedhanti kun dhimmi keessoo paartii isaanii ta’u dubbatan.

Garu Afaan Oromoo Afaan mootummaa akka ta’uuf murteeffamee jira isa jedhu gaafa hojii irra ooluu arguu wayya jedhan. Afaan Oromoo afaan hojii fedeeraalaa akka ta’uuf yeroo dheeraaf gaafatamaa akka ture kan ibsan Obbo Qajelaa fi Obbo Mulaatuun garu afaan Oromootti dabalata afaan ka biraa itti dabalanii Oromiyaa keessatti hojii irra oolchuuf yaadamuun rakkoo biraa fi burjaajii fida jedhan.

Gaaffii Deebii Gaggeeffame Caqasaa.

Paartiin Badhaadhina Hundeeffamuun Labsamee Jira. Paartileen Morkattootaa Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:31 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG