Rogeessii fi hoogganaa dhabbata Sabaa-himaa, Ormiyaa Miidiyaa Neetwoork – Jawaar Mohammed, eega Itiyoophiyaatti, Onkoloolessaa 23 bara 2019 halkan eegdota nageenyaa isaa kaasuudhaaf humnoonni mootummaa itti bobba’anii fi sana irraa ka’ee mormiin guddaan biyyattiitti ka’e as, yeroo duraatiif gara Yunaayitid Isteetisitti imaluu isaa ti.
Gara Yunaayitid Isteetitisitti deebi’uun isaa, deggertoota isaa fi hawaasaalee Oromoo kutaalee Yunaayitid Isteetisii fi biyyoota Awurooppaa keessa jiran wajjiin walga’ee haala yeroo ammaa Oromiyaa fi Itiyoophiyaa keessatti mul’atu irratti dubbachuuf akka tahe dubbatan – hoogganoonni hawaasaa Oromoo walga’iilee marii qindeessan.
Walga’iin Jawaar deggertota isaa fi hawaasa Oromoo waliin geggeesse milkaawaa tahuu dubbatan.
Gama biraatiin garuu, walga’ii Atilaantaatti geggeessame mormiin mudatee ture. Qophii guutuu caqasaa.