Xurree ittiin seenan

Breaking News

HUBACHIISA


Ministara Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa fi Itti-aanaa Dura-taa’aa Paartii Dimookiraatawa Oromoo yokaan ODP, Obbo Lammaa Magarsaa waliin geggeessamee fi Paartii isaanii irraa deebii kenname har’a dhageessanii jirtu jennee abdanna. Kabajamoota dhaggeeffatoota keenyaa, as irratti wanna tokko ifa gochuu feena. Ministara Ittisaa Biyyaa, Obbo Lammaa Magarsaa waliin gaaffii fi deebii geggeessame VOAn akka hin tamsaasamne murteessee jira jedhamee oduun dogoggoraa Miidiyaa Hawaasummaa irra facaasame murtii VOA waliin gonkumaa kan wal hin simanne tahuu hubachiisuu feena.

Naamusni gaazzexeessummaa VOA yokaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaa ka murteessee lafaa qabu irratti hundaa’uudhaan gaaffii fi deebii hiikkaa guddaa qabu tokko ennaa geggeessinu yokaan oduun akkanaa ennaa nu dhaqqabu qaama gama biraa irraa deebii argachuu fi madaalawummaa sagantichaa eeguuf carraaqqii gochuu fi yeroo fudhannee deebii itti barbaaduun amala hojimaata keenya yeroo maraa ti. Gaaffii fi deebii Obbo Lammaa Magarsaa tursiisuuf murtaa’uunis kana irraa addatti waan tahe miti.

Guddaa galatoomaa!

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG