Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazixeessummaan Oguma Balaa Jala Jiru: Reporters Without Boarders


Gareen gaazexeessotaaf falmu Reporters Without Borders gaazxeessummaan oguma balaa jala jiru jechuu dhaan waggaa kana gazexeessonni 49 du’aniiru, kanneen 389 ta’an amma iyyuu hidhaa keessa jiru, 57 kan ta’an ka biroon immoo iggitamanii jiru jedhee jira.

Paaris keessa kan maadheffate gareen walabummaa presiif falmu addunyaa mara irraa doorsisii fi dararaan gaazexeessota irra ga’u lakkoobsi gaazexeessota bara 2019 keessa ajjeefamanii waggoota 16 keessatti isa gad aanaa dha jechuu dhaan gabaasa isaa Muddee 17 baaseen beeksisee jira.

Kurna lamaan darban keessa waggaatti lakkoobsa gaazexeessota ajjeefaman 80 waliin wal bira qabamee ennaa ilaalamu inni baranaa seenaa keessatti lakkoobsa isa gad aanaa dha jedha.

Lakkoobsi kun gad bu’uun dirree lolaa irratti kanneen ajjeefaman waan gad xiqqaateefii jedha Reporters without borders. Walumaa gala Gaazexxeessonni 17 dirreee lolaa irraa utuu gabaasanii kan wareegaman Siiriyaa keessati 10, Afgaanistaan keessatti 5 fi Yemen keessatti 2 yoo ta’u waggaa darbe 34 tu ajjeefaman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG