AMBOO —
Yunivarsiitii Dirree Dawaatti Lubbuun barataa tokkoo dheengadda darbuu hordofee, walitti bu’iinsa Yunivarsiitii Ambootti har’a ganama uumameen barattootni 10 fi humnootni nagaa eegsisan sadii madaa’uu Hospitaalli Rifaraala Amboo beeksise jira.
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo, “Yunivarsiitiiwwan rakkoon tasgabbii itti uumame 22 keessaa, 7 irraa kan hafe, hunda keessatti tasgabbiin bu’ee jira,” jedha.