Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Tarkii wal waraansa siviloota Libiyaa keessaa harka qabaachuun addunyaa yaaddessee jira


Waraana Turkii
Waraana Turkii

Humnootiin waraanaa Libiyaa keessa akka hin qubsiifamne yaadi jedhu paarlaanaa Tarkii keessatti akka salphaatti kan raggaasifamee yoo ta’u garu humnootiin Tarkii wal waraansa siviloota Libiyaa keessa seenuun balaaleeffannaa hordoofsisee jira.

Yaadii dhiyaatee sagalee 325 fi 184 ta’een raggaasifame kun prezidaantiin Tarkii Recep Ergagaan waggaa tokkoof waraana isaanii gara Libiyaatti erganii mootummaa Libiyaa kan beekkannoo addunyaa qabu sana akka deggeraniif aboo kennaaf.

Mootummaan Libiyaa kan amma jiru humnootii waraana kan Jeneraala Libiyaa Khalif Haftariin kan marsamee yoo ta’u yeroo ammaa Libiyaa gama bahaa to’ataa jira.

Humnootiin Tarkii wal waraansa siviloota Libiyaa keessaa harka qabaachuun addunyaa yaaddessee jira.

Prezidaantiin Amerikaa Traam akka jedhanti biyyi alaa gidduu seenuun kun haala Libiyaa keessaa wal xaxaa taasisee jechuun isaanii aangawaan waayit Hawuus Hogan Gidley dubbatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG