Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Baahir Daar Keessatti Gaggeefameera


Jaarmayonni siyaasaa tokko tokko dhaabattoota amantii aguuggii godhachuun shirri rawwatan dhaabachuu qaba jechuun har’a magaalaa Baahir Daar keessatti Museeleemonni hiriira mormiif ba’an hubachisanii jiru.

Olaantummaan seeraa akka kabajamuuf waamicha dhiyeessanii jiru.Gama kaaniin mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa hidhamtoota kuma 2 caalaaf dhiifama gochuun isaa abbaa alangaa mummichi kan bulchiinsa Sanaa ibsanii jiru. Kanneen keessaa 3 barattoota Yunivarsitii seenuu qabxii isaan dandeesisuu kanneen argatan ta’u Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG