Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Naannoo Lolichaa Gara Gaambellaatti Dheessaa Jiran, Jedhama


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Lola Humnoota Mootummaa fi WBO Bosana Keessa Soch’u Gidduutti Deemu Irraa Kan Ka’e Jiraattonni Naannoo Lolichaa Gara Gaambellaatti Dheessaa Jiran, Jedhama

Walitti bu’iinsa humnoota Mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo bosona jiran gidduutti deemaa jiru jalaa dheessuuf namoonni gara Naannoo Gaambeellaatti baqachaa akka jiran dubbatu jiraattotni Godina Qellem Wallaggaa, Raadiyoon Sagalee Ameerikaa dubbise. Bulchaan Godinaa Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Baqqalaa immoo namootni baqatan warra hariiroo hidhattoota bosona keessa socho’an waliin qaban, jedhu.

Bakka Bu’aan Paartii Badhaadhinaa Hawaasa Oromoo Naannoo Gaambeellaa Obbo Garramuu Adabaa gama isaaniin “Nagaan waan uumameef namootni Gaambeellaatti baqatanii turan amma gara qehee isaaniitti deebi’anii jiran,” jedhu. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Jiraattonni Naannoo Lolichaa Gara Gaambellaatti Dheessaa Jiran, Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:22 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG