Xurree ittiin seenan

Breaking News

IOM’ Jaarmayaan Godaantotaa; Lammilee Itiyoophiyaa Kaleessa Moozambiikitti Du’arraa Hafan Gargaaraa Jiraachuu Beeksise


Kaleessa Moozaambiik biyya kibba Afriikaatti argamtu keessatti lammilee Itiyoophiyaa godaansarratti du’an 64’rraa warra oole Itiyoophiyaanota Kudha Afur Gargaaraa akka jiru jaarmayaan godaantota biyya tokkorraa gara kaanitti nagaan qubsiisu IOM beeksise.

Saandraa Blaak dubbi himtuun IOM ka dameee biyya Moozaambiik, warri lubbuun hafe kun nyaataa fi dhugaatii dhabee qaamni isaaniillee hedduu bututee turee jechaan VOA’f himte.

IOM’ Jaarmayaan Godaantotaa; Lammilee Itiyoophiyaa Kaleessa Moozambiikitti Du’arraa Hafan Gargaaraa Jiraachuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:00 0:00

“Warri lubbun du’’a kanarraa hafe namoota 14 ta’uu, imalli isaaniis gara Afriikaa kibbaa akka ture angawoonni Moozaambiik nuuf himanii jiran. Godaantonni lubbuun argaman kun nyaataa fi bishaan dhugaatii dhabiinsarraa kan ka’e qaamni isaanii bututeeti ture, ammas Hospitaala Teetee jedhamu keessatti yaala fayyaa fudhataati jiru. Jaarmayaan IOM ammoo warra du’a oole kanafa midhaan nyaataa fi uffata isaaniif kennuun gargaaraa jira’’ Saandiraa Bilaak; Dubbi Himtuu IOM Moozambiik

Miis Saandraan, warri lubbuun dabre 64 martuu, konkolaataa gubbaan haguugameen waan imalaa turaniif qilleensa dhabaan ukkaamamanii du’an jette. Godaantonni kun martuu dhiirotaa ta’uus himtee, konkolaachisaa warra kana seeraan ala deemaanii tures angawoonni Moozaambiik to’annaa jela oolchuu himte.

  • Godaantonni lammiin Itiyoophiyaa 64 Moozaambikitti Du’anii ArgamaLammileen Itiyoophiyaa lubbuun hafan 14’n kun maan ta’u gaaffii jedhuufis, IOM ka Moozaambiik jiru, waajjira dame IOM Finfinnee jiru waliifi dhimmi kana hordofaa jira ka jedhame Embasii Itiyoophiyaa Pritooriyaa jiru duuka wal mariirra jirra jettee ammaaf garuu gargaarsa atattamaa namoota lubbbuun hafan kanaaf dhiyeessuudha xiyyeeffannoon keenya jechaan himte.

IOM’ ibsa waan kanaa baaseenis lammileen Itiyoophiyaa kun martinuu waraqaa eenyummeessaa takkaa hin qaban jechaan hime.

Kanaan duras akkasuma bara 2019, biyyuma Moozaambiik bakka Saangoo jedhamutti seeraan ala gara Afriikaa kibbaa imalaa ka turan lammileen Itiyoophiyaa 12 du’uun isaanii ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG