Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni lammiin Itiyoophiyaa 64 Moozaambikitti Du’anii Argaman


Fayilii -Godaantota Itoophiyaa Ymnitti. Bara 2019
Fayilii -Godaantota Itoophiyaa Ymnitti. Bara 2019

Imala seeraan alaan gara biyya Afriikaa kibbaa deemaa turan ka jedhaman lammileen Itiyoophiyaa 64 biyya Moozaambiik keessatti du’anii argaman.

Lammileen Itiyoophiyaa kunneen magaalaa biyya Moozaambiik ka godaantonni Afriikaa Kibbaa gahuuf keessa qaxxaamuran Moo’atiizee jedhamtutti konkolaataa irra keessi haguugameen odoo deemanii reeffi isaanii warra kellaa eeguun konkolaataa keessatti argame.

Dorgommiin Olompikaa Addunyaa Kan Baranaa Hafuun Ibsamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:10 0:00

Yoo kanas yoo warri anagwoota mootummaa konkolaataa kana sakatta’an warra konkolaataa keessa ture 78 keessaa 64 du’uu saba himaaleen biyyattii gabaasaniiru. Eembasii Itiyoophiyaa Taanzaaniyaa jirutti bakka bu’aa mootummaa ka ta’an Teewodroos Girmaa ta’ee kana hordofaa akka jiran dubbatan.

Dubbii isaanii keessattis, oduu kana saba himaalee gara garaa akkasumas lammilee Itiyoophiyaa dhimma kana hordofan irraa akka isaan dhaqqabe ifoomsanii, garuu deemsi naannoo dhibee Koronaaf jecha waan adda citeef qaamaan dhaqanii haala lammilee Itiyoophiyaa kana baruun rakkisaa ta’uu dubbatan.

Obbo Teewoodroos Embasiin Itiyoophiyaa Daar E Salaam jiru karaa Embasii Moozambiik Taanzaaniyaa jiruu anagawoota moozaambiik argachuuf hojjetaa akka jiru eeranii, Embaasiwwan Itiyoophiyaa biyyoota kibba Afriikaa jiran waliinis wal dubbiirra jirraa jedhan.

Saba himaaleen biyyattii anagawoota mootummaa waabeffachuuf du’aatii lammilee Itiyoophiyaa kanaaf ka’umsa ka ta’e konkolaataa keessatti ukkaamfamuu ta’uu gabaasanii jiru. Naga eegdonni kellaa konkolaataa kana dhaaban yaada kennaniinis yoo konkolaataa kana dhaabsisan lammileen Itiyoophiyaa lubbuun hafan nuuf qaqqabaa jechuuf golga konkolaataa kana reebaa akka turan himanii jiran.

Mootummaan Moozaambiikis ammaa du’a lammilee Itiyoophiyaa kana ka’umsa isaa baruuf reeeffa ijoollee 64 kanaa irratti qorannaa gaggeessaa jira.

XS
SM
MD
LG