Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amneestii Internaashinaal Poolisiin Oromiyaa Angawoota ABO fi Gaazexeessitoota ‘Seera Malee Hidhaman’ Akka Hiiku Gaafate


Akka Amneestii Internaashinaal ibsetti angawootni ABO sadan jechaan Baatii Filayee, Bilisummaa Araarsaa fi Gadaa Gabbisaa akkasumas gaazexeessitoonni Oromia News Network lama Dassuu Duulaa fi Waaqoo Noolee tibba angawi ABO olaanaa Abdii Raggaasaa hidhaman suura kaaftanii hookkaraaf karaa bantan jechaan to’annaa poolisii jela oolfaman.

Amneestii Internaashinaal Poolisiin Oromiyaa Angawoota ABO fi Gaazexeessitoota ‘Seera Malee Hidhaman’ Akka Hiiku Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:45 0:00

Namootni kun sana booda himanni irratti banamee mana murtiif ka dhiyaatan yoo ta’an, torbeen dura dhaddachi isaan irratti dhiyaatan gochi kun yakka miti jechaan bilisaan isaan gad dhiisus garuu anagwootni ABO fi gaazexessitootni kun haga yoonaa hin hiikamne. Fissehaa Teklee Amneestii Internaashinaal Waajjira Gaanfa fi Kibba Afrikaatti qorataan qabiinsa mirga namoomaa ka Itiyoophiyaa dhaabbnni isaanii gocha kana balaaleffachuu dubbatan.

Obbo Fissehaan, qaamoleen nageenyaa namoota kana sababa adda addaa isaanirratti uumaan hidhaa keessa isaan tursaa akka jiranis dubbatan. Alii eenyummeessaan keessan rakkoo qaba jedhuu, alii mmoo Koomishinii Poolisii Oromiyaatu isin barbaada jedhuu, amma yoonaa Buufata poolisii Buraayyuu keessa akka jirani odeeffannoo kan qabnu jechuunis dabalataan dubbatan. Itti aansuunis waanti kun baratamaa dhufaati jira jedhu Obbo Fissehaan. Akka ragaattis kanaan dura Obbo Abdii Raggaasaa akkasuma qabamanii hidhamanii mana murtiif dhiyaatanii galmeen cufamee, amma eessa akka jiran waanti beekamu hin jiruu jedhan Haalli kun Amajjii kaaseetu akka kan itti fufaa jiru, Gaazexeessitoota ONN fi angawoota ABO qofaarrattis akka hintaane eeranii ,dhiyeenyas dubreen Eelzaabet jedhamtu naannoo Harariitti hidhamuushee, naannoo Amaaraattis waanumti wal fakkaatu mullataa akka jiru dubbatan. Kanaaf filannoon as siquun wal qabatee, miseensota paartii mormituu fi gaazexeessitoota mootummaa qeeqan hidhuun baayyataa jira, kun dhaabbachuu qaba jenna nuti jechuunis dubbatan.

Dookter Tokkummaa Dhaabaa abukaatoo namoota seeraan ala toa’annaa poolisii jela jiru jedhameeti. Himatni jalqabaa erga cufamee kaan isaanirratti akka hin banamne dubbatan.

Dookter Tokkummaan namoota seeraan hidhaman kana ilaalchisee qaamolee bulchiinsa sadarkaa gadii akkasumas Koomishineri Poolisii Oromiyaallee gaafannee deebii dhabnee jedhan. Dabalatas achi buutee Obbo Abdiis nama gaafannu dhabnee hibboo keessa jirra jedhu.

Waa’ee angawoota ABO fi gaazexeessitoota hidhaman jedhame kanaa dubbi himaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachew Baalchaa gaafannee dhimma kana Poolisiin Oromiyaa harkaa akka qabu nuuf akeekan. Koomishinera Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaaf namootni kun erga manni murtii haa hiikaman jedhee maaf hidhaa tursiifaman jennaan ani hidhamuu namoota kanaa odeeffannoo hin qabu jedhan. Ibsa Dhaabbata Amnesty ilaalchisuunis, Dhaabbatichi ibsa baasuun dura nurraa adda baafachuutu irra turee jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa akka beeksisetti kaleessa Pirezdentiin naannichaa Obbo Shiimellis Abdiisaa sirreeffamtoota seeraa 13,321’f dhiifama taasisanii jiru. Isaan waliin garuu angawootni ABO fi gaazexeessitoonni ONN lameen seeraan ala hidhamanii jiru jedhaman akka hin hiikamne himamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG