Xurree ittiin seenan

Breaking News

WBOn Zoonii Lixaa Ajjeechaa Hojjetoota Dhaabbata Amantii Irratti Raaw'aame Keessaa Harka Hin Qabu, Jedhe


Faayilii - Gimbii, Walaga Lixaa

Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa, Gumaabaas Eebbisaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaaniin, “ajjeechaa tajaajiltoota Dhaabbata ‘Great Commission Ethiopia’ lamaa fi dargaggoo tokko irratti, Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti raaw'atame keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo harka hin qabnu” jedhan.

Barattoota Yunivarsiitii Dambii Doolloo osoo gara maatiitti deebi’anii Daandiirratti akka butaman himamaa ture ilaalchisees "Mootummaa tu ofii akkas godhe malee nutrí gacha akkasii hin raaw'anne," jedhan - Gumaabaas. Baay'ina riphxee-loltoota isaanii fi eenyu akka isaan deggeru gaafatamanii, "kana ibsuun namusa waraanaan dhorkaa dha," jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

WBOn Zoonii Lixaa Ajjeechaa Hojjetoota Dhaabbata Amantii Irratti Raaw'aame Keessaa Harka Hin Qabu, Jedhe
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:09 0:00


Yaadawwan Ilaali (17)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG