Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wareegamni Shinniigaa Tokkummaa Oromoo Har’aatiif Bu'uraa Guddaa Ta’e, Jedha ABOn


(Suuraa faayilii)

Addi Bilisummaa Oromoo wagga 40 dura kan hoogganoonnii fi miseensata isaa gameeyyiin gammoojjii naannoo Somaalee Shinniigaa jedhamutti itti wareegaman ittiin yaadachuuf, Guyyaa Goototaa goototaa har’a yaadatee oole.

Guyyaan Goototaa kun waggoota wagga waggaatti akka lakkoobsa Awurooppaatti Ebla 15 yaadatamee oolu kun wagga 36 dura ka murteeffame tahuu, miseensi Koree Hoji Raaw’achiistuu dhaabichaa, Obbo Mikaa’el Booran VOAf ibsanii jiran.

Sababaa Vaayiresii Koronaaf jecha, hoogganoonni fi miseensonni ABO har’a, akkaataa duri irraa adda taheen, mana mana ofiitti ka yaadatanii ooltan tahuullee dubbatan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Wareegamni  Shinniigaa Tokkummaa Oromoo Har’aatiif Bu'uraa Guddaa Ta’e, Jedha ABOn
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:54 0:00


Yaadawwan Ilaali (6)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG