Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Wallaggaa Lixaatti Hunoonni Mootumma Namoota Afur Ajjeesan, Manneenis Guban, Jedhu Maatii fi Ollaa Keessaa


Gimbii, Walaga Lixaa
Gimbii, Walaga Lixaa

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabiitti, humnootni naga-eegumsaa mootummaa namoota nagaa afur ajjeesan jechuun maatii keessaa himataa jiran.

Ganda Wanjoo jedhamutti, manneen jireenyaa sadii fi daldalaa tokko sababa “Ripxee-loltoota hidhatanii socho’an deggertu,” jedhamuun humnootuma naga-eegumsa mootummaan kaleessa gubaman, jechuun namni yeroo gochaan kun raawwatamu ijaan arge jedhu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himee jira.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Uummataa, “Mootummaan Olaantummaa Seeraa kabajchiisuuf hidhattootarratti tarkaanfii fudhataa jira, garuu namni nagaan sababa kanaan lubbuun isaa darbe hin jiru” jedhan. Dhimma kanarratti Bulchaa Aanaa Laaloo Assaabii Obbo Gammachiis Dabalaa bilbilaan dubbisuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Gama biraan, dabballeen garee Riphxee-loltootaa kan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa, Bilisummaa Guutaa, “Loltootni mootummaa, tarkaanfii irratti fudhatame haaloo ba’uuf nama nagaa ajjeesu” jedhee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Godinaa Wallaggaa Lixaatti Hunoonni Mootumma Namoota Afur Ajjeesan, Manneenis Guban, Jedhu Maatii fi Ollaa Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:04 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG