Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Goototaa Yunaayitid Isteetis Keessatti Kabajamee Oole


Har’a as Yunaayitid Isteetis keessatti, dhiirotaaa fi dubartotoa kuma hedduu loltummaadhaan biyya isaaniif lubbuu isaanii wareegan kabajuuf, guyyaa goototaa kan waggaa tu ayyaaneffamee oole.

Alaabaan biyyattii, loltoota gootummaan wareegamaniif kabajaa kennuuf, har’a walakkaatti gad-butamee ka fannifamee oole yoo tahu, ajaja Prezidaant Doonaald Traampiin, Jimaata irraa jalqabee hanga Dilbata kaleessaatti immoo, lammiiwwan Ameerikaa sababaa Vaayirasii Koronaatiin du’an gara kuma dhibba tokkoof gad ibsuuf, aalabaan Ameerikaa walakkaatti gad-butamee fannisamee oole.

Lakkoobsi namoota Vaayirasii Koronaatiin lubbuu dhabanii, kan Ameerikaa Addunyaa irratti isa ol’aanaa yoo tahu, akka Ministiriin Dhimma Gadamoojjiilee waraanaa jedhetti, lakkoobsa kana keessaa gada-moojjiileen waraanaa biyyattii kuma tokkoo oli.

XS
SM
MD
LG