Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ol aantummaan Seeraa Kabajamuu Qaba: Haadha Alangaa Adaanech Habebee  


Haadha alangaa mummittii kan federaalaa ,Aaddee Adaanach Abeebee
Haadha alangaa mummittii kan federaalaa ,Aaddee Adaanach Abeebee

Haati alangaa mana murtii ol aanaa Itiyoopiyaa aadde Adaanech Abebe kaleessa tuuta oduuf ibsa kennaiin du’uu jaal’atama fi beekamaa artist Haacaaluu Hundeessaan gadda guddaa nutti dhaga’ame irra deebi’uu dhaan maqaa, koo fi maqaa mana murtii abbaa alangaa maatiiuummata itiyoophiyaa fi jaal’attoota isaaf ibsuun fedha jedhan.

Hacaaluun kan du’e akka nama dhuunfaatti miti kan jedhan aadde Abebech, dargaggoota fi uummata Oromoo birati qabsaa’aa bilisummaa ta’uu isaan kabajaa fi jaalala guddaa horateera.

Hacaaluu ajjeesuu jechuun uummani Oromoo dheekkamee uummata obbolaa ka biroo waliin walitti bu’iinsa akka uumuu fi biyyattiin akka hin tasgabboofne gochuuf kan raawwatame gocha qaanessaa dha jedhan.

Hacaaluu ajjeesuu dhaan jeeqama kana uumuun yeroo Itiyoophiyaan muddama keessa jirtu, sababaa hidha laga Abbayyaan haleellaan ala irraa yeroo itti aggaamamee jirutti haala isaa daran hammaa taasisa jedhan aadde Abebech.

Akkuma sabaa himaa adda adda irratti dhageenye Jeeqama Finfinnee keessatti eegalame Finfinnee keessatti xumurra ka jedhu dhaga’aa turre. Haa ta’u malee nama qulqulluu irratti hin raawwaama hin seene jedhan. Ragaan nu dhaqqabaa hoji geggeessitoota mootuammaa ajjeesuu dhaan uummata gidduutti walitti bu’iinsa uumuu dhaan haalli biyya keessaa akka hin tasgabboofne duula hojjetamaa jiru.

Du’i haa caaluu hedduu nu gaddisiisus ol aantummaa seeraa eegsisuun dirqama jedhan. Kanaaf du’uu Haacaaluutti shakkamanii kanneen to’annaa jala oolan jiru, shakkamtoota itti dabalaas barbaadamaa jiru.

Haacaaluu al tokko dhabnee jirra, garuu kabajaan awwaalamuu utuu qabu, reeffi isaas kabajaan utuu geggeessamuu qabuu hiraarfamni raawwatameeraa, kanaan wal qabatees lubbuun namaa badeera jedhan. Qabeenyaan barbadaa’eera. Waamichi hookkara kaasuu geggeessameera.

Dheebuun dimokraasii biyya kana keessa waan jiruuf jecha uummatis haa ta’u miidiyaaleen yaada isaanii walabaan haa ibsan qeeqa mootummaa irratti qabanis walaba ta’anii haa dubbatan jechuun balleessaan utuu jiruu utuma arginuu beekaa akka hin arginitti bira darbaa turre jedhan. Amma garuu yeroo ni ga’a jennu ga’eera jedhan. Ol aantummaan seeraa kabajamuu qaba jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG