Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Ayyaana Uummataa Irratti Hojii Shorokaa Raawachuuf Shakkaman To’annaa Jala Oola, Jedha Mootumman


Ayyaana amantii fi uummataa irratti haleellaa geessisuuf kan qophaa’e meeshaan waraanaa fi namoonni kanaan shakkaman to’annaa jala ooluutu ibsame.

Kantiibaan kibba Walloo magaalaa Haiyiq Kebbedee Kaasaa VOAf akka ibsaanitti meeshaan hojii shororkaaf ooluuf ture jedhamee fi namoonni meeshaa sana deddeebisaa turan Fulbaana 16 to’annaa jala oolan jedhan.

Sambata guyyaa sa’a 6:30 irratti ture humnootii naga eegumsaa keenyaa fi hawaasa biraa eeruu kennameen hordoffii cimaan godhamaa erga turee booda, magaalaa keenya keessatti qabaman. Ennaa qabamettis qawwee kilaashinkoov 10 fi rasaasa 280tu harkatti qabame jedhan.

Kantiibaan kun akka jedhanitti ragaa wal jijjiiruun of eeggannoo fi ijaaramuun hoogganame kan turee fi meeshaan waraanaa sun akeeka qabameef utuu hin guutiin qabame jedhan.

Bulchaan godina Walloo kiibbaa Seyid Mehammed gama isaaniin uummata Oromoo fi Amaaraa walitti buusuuf, jijjiiramicha gufachiisuu akkasumas ayyaanni amantii fi uummataa miira tasgabbiin akka hin geggeeffamneef kan akeekame ture jedhan.

Kana dura naannoo Walloo Kibbatti mala addaa addaa tolfatanii yaalii akkasii gochaa kan turan hubatamuu illee bulchaan kun dubbataniiru.

Tajaajilli ragaa biyyoolessaa fi nageenyaa haleellaan shororkeessummaa kun raawwachuuf kan ture, garee badiisaa IWEHAT fi ABO Shaneetiin garee dhoksaatti sosso’aa ture waliin ta’uun jechuu dhaan sabaa himaa biyya keessaaf ibseera.

Ergama kana fudhatee hoogganaa namni ture duuka buutota isaa waliin to’annaa jala oole jedha waaltaan kun. Namni kun Afaan Amaaraa, Oromoo, Affaar, Somaalee fi afaan Arabaa dubbata jedhame kana to’annaa jala oolchuuf komiishinni poolisii federaalaa raayyaa ittisa biyyaa fi uummata waliin ta’uu dhaan jedha ibs sun.

Faanaa Broadcasting tajaajila ragaa biyyoolessaa fi nageenyaa irraa ibsa ga’een wabii godhatee akka gabaasetti shakkamaan Indirs Iyyaasuu jedhamu meeshaa waraanaa sana Tigraay irraa fe’atee Tigraay irraa akka dhufe amane jedha gabaasichi.

Idiris akka jedhetti waajjira nageenya naannoo Tigraay ganama sa’a sadii irratti dhaqee meeshaan sun isniif qophaa’eera, isiniif feena naan jedhan anis tolen jedhe. Galgala sa’a sadii irratti kilaashii 10 fi rasaasa 1000 fidanii dhufan,konkolaataan sun rasaasa 300 ol waan hin baanneef 280 waliin nuu kennan jedhee afaan Oromoon dubbate Idiris.

Meeshaan waraanaa sun karaa Baatii fi Karrayyuu darbee Bishooftuu fi Finfinnee seenee ayyaana Ireechaa irratti jeeqama uumuuf yaadamee jechuu dhaan tajaajilli ragaa fi nageenya biyyoolessaa beesisee jira.

Dhimma kana irratti deebii kankennan miseens koree giddu galeessaa IWEHAT Obbo Neggaa Asaffaa paartiin isaanii nageenya biyyaa mirkaneessuun kan beekamuu fi paartii siyaasa mul’ataa ta’eef qabsaa’u malee hojii gadii kan akkasii keessatti akka hin hirmaanne ni beekama jedhan. Himannaan dhiyaate kun humni mootummaa federaalaa dadhamuu isaa fi diraamaa inni abdii kutachuu mul’isa jechuu dhaan fudhatama dhabsiisan.

XS
SM
MD
LG