Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murtii Bulchiinsa Naannoo Tigraay fi Manni Maree Federeshiniin Federaalaa Walitti Darbatan Biyyattiif Furmaata Hin Ta'uu : Ogeessa Seeraa


Sababaa weerara vaayrasii Korjecha filonaaf jecha filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeefamuuf ture yeroo biraatti darbuun ni yaadatama. Bulchiinsi naannoo Tigraay garu filannoo ofii gaggeeffachuu isaa kan beeksisee yoo ta'u mootummaan federaalaa immo fudhatma hin qabu jedhee jira.

Torban darbe keessa immo Addi Bilisummaa Ummata Tigraay( TPLF) bara bulchiinsii mootummaa mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmed waan xumurameef jecha ammaan booda hariiroo hin qabnu akkasumas namoonni ABUT bakka bu'uun mana maree bakka bu'ootaa fi Federeeshinii akkasumas aangoo mootummaa irra jiran itti hin fuufan jedhee jira.

Boodana kana immoo manni marii Federeshiniin Federaalaa hariiroon mootummaan Itiyoophiyaa bulchiinsa naannoo Tigraay waliin jru cituu beeksiise. Kun hundumtuu Ija heeraa fi seera biyyatiin attamitti ilaalama?

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa Seeraa kan ta'an gargaaraa Profeesaraa Jeetuu Iddosaa kan jedhan caqasaa.

Murtiileen Bulchiinsa Naannoo Tigraay fi Mana Maree Federeshinii Federaalaarraa Walitti Darbataman Biyyattiif Furmaata Hin Ta'uu : Ogeessa Seeraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:21 0:00


XS
SM
MD
LG