Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naqamtetti Humnoonni Naga-eegumsaa Lama Ajjeesamuun Himame


Hoospitala Naqamtee (suuraa faayilii)
Hoospitala Naqamtee (suuraa faayilii)

Magaalaa Naqamteetti kaleessa, humnoonni naga-eegumsaa mootummaa lama “qaamota ammaaf eenyummaan isaanii hin beekamne” jedhamaniin ajjeefamuu Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii magaalaa Naqamtee beeksisee jira.

Itti gaafatamaan waajirichaa Obbo Tasammaa Mul’ataa, “magaalaa Naqamtee ganda Calalaqii jedhamutti miseensi Poolisii idilee tokkoofi humni addaa tokko hojiidhaaf bahanii, dhukaasa qaamota hin beekamnerraa itti banameen ajjeefaman,” jedhan.

Itti gaafatamaan waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Naqamtee gama isaaniin namni bakka dhukaasni itti baname ture tokkos dhawamee madaa’ee jira, jedhanii, namichi qorannaadhaaf akka hidhamu taasifamuu dubbatan.

Naqamtetti Humnoonni Naga-eegumsaa Lama Ajjeesamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:28 0:00


XS
SM
MD
LG