Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Mootummaa Saqalaatti Namoota Sadii, Darraatti Nama Tokko Ajjeesuu Ka Jiraattota Keessaa Dubbatan Qaamonni Mootummaa Ni Haalan 


Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Horroo Bulluq magaalaa Saqalaatti, Humnootni naga-Eegumsaa Mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo deggeruun wal qabatee Namoota nagaa sadii ajjeesanii, jechuun, namni kanneen ajjeesaman keessaa tokko fira isaanii dhihoo dubbatan VOAtti himanii jiran.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Aanaa Horroo Bulluq immoo, “ajjeefamuu namootaa ilaalchisee namni nutti iyyate hin jiru” jedhan.

Haaluma Wal-fakkaatuun, Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraattillee, dargaggoon Asaffaa Kuushii jedhamu qaamota naga-egumsaa mootummaan ajjeefame, jechuun namni dhimmicha hordofaan ture jedhan dubbatan.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Darraa garuu “namni ajjeefame jedhame nu biratti hi hidhamne, hin ajjeefamnellee” jedhan.

Humnoonni Mootummaa Magaalaa Saqalaatti Namoota Sadii, Darraatti Nama Tokko Ajjeesuu Ka Jiraattota Keessaa Dubbatan Qaamonni Mootummaa Ni Haalan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:40 0:00


Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG