Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Matakkal Aanaa Bulan Keessatti Uummanni Godaanuuf Dirqamee Gargaarsa Eeggataa Jira"


Faayilii - Namoota Benishaangul Gumuz keessaa bara darbe buqa'an
Faayilii - Namoota Benishaangul Gumuz keessaa bara darbe buqa'an

Godiina Matakkal aanaa Bulan ganda Kojji keessatti haleellaa gaggeeffameen namoota manaa fi qe'e ofii irraa goodaananiif gargaarsa nyaataa fi dahannaa hatattamaan kan isaan barbaachisu ta'u bulchaan aanaa Bulan Obbo Gizaachew Nsaii hubachisanii jiru.

Kanneen godaanan kun kuma 35 akka ta'an fi rakkoo hamaa keessa akka jiran kan ibsan aangawaan kun mootummaanis ta'e jaarmayoonni dhunfaa biraa gargaarsii kenname hin jiru jedhu.

Bulchiinsa naannoo Benishaangul Gumuzitti komishnarri komiishina yaaddoo balaa Obbo Tarraqany Taasisaa akka jedhanti godinni Matakkal kuusaa midhaanii qabu irraa gargaarsa kennuuf hojjatamaa kan jiru ta'uus ga'aa miti.

Kanas wajjira keenya kan sadarkaa Federaalaatti beeksiifnee eegaa jirra jedhan. Gama kaaniin godina Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Saran keessatti har'a hidhattonni Gumuuz namoota nagaa irratti haleellaa banuu isaanii waajira ijaarsa nagaa fi nageenyaa kan bulchiinsa naannoo sanaa Obbo Gaashuu Dugaaz kan ibsan yoo ta'u midhaan dhaqqabe ammatti hin beekamne jedhu.

XS
SM
MD
LG