Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Dhabbiin Diploomasii Somaaliyaa fi Keeniyaa Jiraattota Mandeeraa Yaaddoo Keessa Galche


Somaaliyaa fi Keeniyaan torbee kana wal gahi Igaad gubbaatti rakkoo isaanii hiikuuf walii galanis ammaa morkeen lamaan isaanii gidduu jiru sahkkisiisaadha.

Wal Dhabbiin Diploomasii Somaaliyaa fi Keeniyaa Jiraattota Mandeeraa Yaaddoo Keessa Galche
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:16 0:00

Mootummaan giddu galeessaa Somaaliyaa torbee darbe Keeniyaan dhimmi keessoo kiyya keeessa seente jechaan walitti dhufeenya diploomaasii Keeniyaa waliinii ka dhaabe yoo tahu, dhiyeenyaa as ammo naannoo daangaa keeniyaa loltoota qubachiisuunsaa yaaddoo nageenyaa dabalataa fideera.

Naannoo daangaa Somaaliyaa fi keeniyaa humnootni raayya ittisa biyyaa qubachuun kunis wal dhabdeen Somaaliyaa fi Keeniyaa gara lolaatti akka hin ceene sodaan ballateera. Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa loltootasaa magaalaa balad Hawwoo keessa ka qubachiise yoo tahu, warri bulchiinsa Jubaalaandi ka Keeniyaa michoomfatanis loltoota isaanii Mandeeraa keessa qubsiisanii jiru.

Mahaammed Maallim Bulchaan Mandeeraa wal dhabdee Mootummaa Somaaliyaa fi Keeniyaa akkasumas Jubaa land jidduu jiruuf nuti warri Mandeera jiraannu dhiphachuu hin qabnuu jechuun dubbate.

“Wal dhabdee humnoota Kanaan sabni keenya naannoo kana jiraatu akka miidhamu hin feenu. Guyyoota darban kana walitti dhufeenya Keeniyaa fi Somaaliyaa gaarii hin turre, kun ammoo jiruu saba naannoo mandeeraa jiraatu yaaddoo keessa buusuu hin malle, furmauu qaba” Mohaammed Maallim Bulchaa Mandeeraa

Ji’aa oliif humnootni ajajaa humna nageenyaa Jubaalaand Mohaammed Janaan Mandeeraa keessa turan jedhama, Torbee darbe magaalaa Balad tti dhukaasa bananiis humnootni kun namootni kudhanii ol du’uun gabaafaameera.

Kibxata darbes jiraattooni Mandeeraa lolli akkasii waan isaan yaachiseef hiriira nagaa bahanii jiran. Jamaa Warsaammee jiraataan Mandeeraa, rakkoo hoongee fi kaan qabnutti lolli kun nutti dabalamuu hin feenu jechaan VOA’tti hime. Kanaafis warri wal dhabe kun mareen rakkoo kana akka hiiku gaafate.

Joorji Musaamilii Dura taa’aa Waajjira Ittisa Balaa Afriikaa ti, Somaaliyaa fi keeniyaan lolatti yoo seenan waan hamtuutu as deemaa jedhe. Musaamiliin, lolli kun rakkoonsaa naannoo gaanfa afriikaa qofa odoo hin taane, warra naannoo baha jiddu gala afriikaa jiraatuufis balaa guddaa qaba jedhee erga dubbateen booda warri mareen akka rakkoo kana hiiku yaada kenne.

Bulchiinsi Jubaalaand Mootummaan jiddu galeessaa Somaaliyaa humna raayyaa ittisa Somaaliyaa naannoo Gedoo buufate akka baasu gaafatus bulchiinsi Faarmmajoo garuu gaaffii kana kuffiseera.

XS
SM
MD
LG