Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warrii Qawwee Binishangul Gumuz aanaa Bulenitti nama nagaa saba gara garaa 100 oli fixe garuu ragaa jiruun 'shinaashanti caala miidhame''


Benishangul-Gumuz
Benishangul-Gumuz

Warrii Qawwee Binishaangul Gumuze aanaa Bulenitti nama nagaa saba gara garaa 100 oli fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

Kalee ammoo naannnoo sun godina Metekkle aanaa Bulen ganda Buujii keessalleetti saba gara garaa akka koomishiinii mirga namaa Itoophiyaa jedhetti nama 100 oli fixanii ammallee qorachuutti jiran.Naannoo Binishaangul Gumuzitti warrii qawwee yoo tokko tokko saba tokkoo addaan baasee yoo tokko ammoo walumatti nama fixa jedhan.

Akka muummeen ministera Itoophiyaa jedhetti akkaataan nama nagaa itti fixan akka malee nama gaddisiisaati.

Rakkoo sun faluuf humna qindaahmee achitti ergan jedhe.Akka koomishiinii mirga nama Itoophiyaa ibsa kalee baaseen jedhetti naannoo sunitti namii akka malee mirga dhabaa dhufe.

Godina Metekkle keessa gosa hedduutti waliin jiraata, Amaara, Oromoo, Shinaashaa fi hedduu. Warrii qawwee kun dhiyoo tana gsouma hedduutti walti miidhe.

Akka Koomishineerii mirga namaa Itoophiyaa Daaniheel Beqqlee VOAtti himetti koomishiinii isaanii rakkoon tun naannoo fi mootummaan federaalaa waliin akka falan gaafachaa bahe.

“Miidhamii dhiyoo ka duraan jiru irraa akka malee adda,miidhaan guddoo. Amma yoo akkam diqqaate nama 100 oli garaa hammeenna hamaan fixan. Nama hedduutti miidhamee qabeennaa fi horii hedduutti gubatee bade. Midhaan maasaa irratti,kaan ammoo garuma jiranitti guban.Nama hedduutti baqate.”

Akka jecha isaatti nama fixan kana gosa tokko qofaa mitii namii miidhamelleen gosa gara garaati.Ijjeehcaa kalee tanaan ragaan jiru dhalattoota Shinaashaatti caalaa miidhame jechuu dandeenna jedha taatullee goumsa hedduutti waliin miidhame jedha.

Akka warrii lafaa ijjeechaa tana irraa hafe jedhan jedhetti warrii durii nama fixu raasaa keessaa dhufee nama hadha ka ammaa ammoo warruma argaa fi maqaalleen beekan.

Akka itti gaafatmaa biiroo odeeffannoo bulchiinsa Binishaangul Gumuz, Melles Beyyenee jedhetti warra tanaan shakkan bulchoota naannoo haga federaala keessa nama toban shakkanii hidhan.

Bulchiinsii Binishaangul Gumuz nama tanaan miidhame qorachuutti jira.Tun waan tahuu malee miti waan akka malee nama gaddisiisati jedha bulchiinsii.Warra tanaan shakkan keessaa ministera deettaa faatti keessa jira jedha.

Eegii Onkololeessa 13,2013 keessa waraanii mootummaa naannoo sunii bahe lafti namatti qooftee akka namii du’uutit jira jedhan.

Jarii qawwee kun nama fixe halkan jalqabee haga guyyaa saafaa nama lole jedhan.Mootummaan Itoophiyaa jara nama fixe keessaa irratti tarkaanfiin fudhan jedha.Ummataa nagaa ka fixan ammoo fulaa tokkottti awwaalan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG