Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gorsa Fayyaa Kennamu Hojii Irra Olchuun Kovidiif Murteessaa Dha: Dr. Darajjee Dhudumaa


Ministir de'etaa ministeeraa eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa, Dr. Darajjee Dhugumaa

Itiyoophiyaa keessatti weerarri vaayrasii koronaa dabalaa kan jiru ta'u ibsamee jira. Namoota guyyaa guyyaan qorannaan vaayrasii koroonaa irratti gaggeeffamuu keessaa kanneen 300 ta'an wal'ansa fayyaa wal irraa hin cinne hatattamaan kan isaan barbaachisu yoo ta'u kanneen 50 ta'an immo meeshaa qilleensa argachuuf gargaaruu(ventilator) kan isaan barbaachisu ta'u ministir de'etaan ministeeraa eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Darajjee Dgugumaa ibsanii jiru.

Qorannaa gaggeessuun lakkoobsii guyya-guyyaan ba'u suun kan warra qorataman keessaa warra dhukkuba Koviidiin qabamanee ibsuu malee isa guutuummaa biyyatti keessaa kan ibsu miti jedhan.

Malli guddaan faca'iina vaayrasii Koroonaa ittisuuf gorsii ogeessonni fayyaa kennan qofaa isaa jijjirama fidu hin qabu kan jedhan Dr. Darajjeen murteessaan uummanni hojii irra oolchuu isaati jedhan.

Kan duraan Finfinnee keessatti hedduumaatu dhukkubii Koviid yeroo ammaa aanaalee guutummaa biyyatti kannen 900ta'an irraa dhukkubsattoota argaa jirra jedhu.

Kunis gara fuula duraaf yaaddeessaa ta'u dubbatan,Gaaffii fi Deebii gaggeeffame Caqasaa

Kutaa 1faa: "Gorsa Fayyaa Kennamu Hojii Irra Olchuun Kovidiif Murteessaa Dha"
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00
Kutaa 2ffaa: Gorsa Fayyaa Kennamu Hojii Irra Olchuun Kovidiif Murteessaa Dha
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:31 0:00


Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG