Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorattoonni Braaziil Talaalliin COVID-19 Chaayinan Oomishte Milkaa’e Jedhu


Qorattoonni brazil kampanii dawaa Chaayinaa Sinovac biotech jedhamuun kan oomishame tallaaliin vaayiresii koronaa dhibba irraa harka 50 milkaa’ina kan qabu yoo ta’u yaalii kilinikaa sadarkaa dhumaa irra jira jedhan.

Haa ta’u malee angawoonni waaltaa qorannaa mootummaa ba’ii yaalii sanaa fudhachuu diduu dhaan oomisha talaallii sanaa ilaalchisee iftoominatu itti hanqata jedhan.

Maqaa koronaavaak jedhu kan kennameef talaalliin yaaliif dhiyaate kun xumura baatii Onkoloolessaa irra namoota fedhiin fudhatan irratti mallattoo hamaa waan agarsiiseef dhaabatee ture.

Sinoovaak kampanilee naannoo addunyaa kanneen dawaa farra COVID-19 milkaa’ina qabuu fi amansiisaa oomishuuf dorgoman keessaa ti.

Latin Ameerikaan kaleessa talaallii COVID-19 marsaa jalqabaa argattee jirti. Talaalliwwan sunis Meeksikoo ga’anii jiran. Ministriin dhimma alaa Meeksikoo Marseeloo Ebrard akka jedhanitti guyyaan har’aa weerarri kun dhabamuun isaa jalqabamuu isaa ti.

Yunaaytid Isteetis talaallii kennuu erga jalqabdee torban lammaffaa qabatee kan jiru yoo ta’u uummata miliyoona tokko kan ta’u fudhatee jira. hedduun isaanii hojjettoota eegumsa fayyaa fi maanguddoota kanneen kunuunsa waaltaa eegumsa fayyaa keessa jirani.

Haa ta’u malee lakkoobsi kun galma kaa’ameen gadi yoo ta’u kunis kan mootummaan federaalaa talaallii miliyoonaan laka’amu oomishee xumura waggaa kanaatti uummata miliyoona 20 ta’u tallaaluuf gadi. Talaalliiin hatattamaan akka uummata ga’u mootummaa waliin kan hojjetu kaka’umsa US Operation Warp Speed jedhamuuf gorsaa gameessa kan ta’an Moncef Slaoui talaallii kana keennuun yeroo dheeraa fudhachuu mala jechuun akeekkachiisan.

Cicha nuti talaallii kana dhiyeessuuf qabnu hanga nuti yaadneen gad booodatti harkifataa jira jedhan. Bulchiinsi Tramp talaallii miliyoona 100 kan kampanii Fayizer fi BioNTechn qophaa’eef ramaduuf walii galtee irra ga’ee jira. kunis hanga walakkeessa Adoolesa bara 2021tti oomisha talaallii biyyattii gara miliyoona 200 kan oolu doolaara biliyoona $2-tti ol guddisa.

Chaayinaan sababa vaayiresii koronaa isa haarawaaf jecha imala Briteen irraa dhaqu rarraastee jirti. Vaayiresiin haaraan kun Briteen gama kibbaa dhuunfatee jira, muummichi ministeera biyyattii Booris Joonsen kutaalee biyyattii hanga tokko utuu ayyaanni dhaloota Gooftaa yesuu ykn Christmas hin ga’in uggura sochii itti dabalaa kaa’uuf jiru.

XS
SM
MD
LG