Xurree ittiin seenan

Breaking News

Workishooppin "Hirmaannan Dubartootaa Filannoo fi Siyaasa Keessatti Maal Ta’uu Qaba?" Jedhu Finfinneetti Jalqabe 


Workishooppii "Hirmaannan Dubartootaa Filannoo fi Siyaasa Keessatti Maal Ta’uu Qaba?"jedhuun geggeeffamaa jiru, Finfinnee
Workishooppii "Hirmaannan Dubartootaa Filannoo fi Siyaasa Keessatti Maal Ta’uu Qaba?"jedhuun geggeeffamaa jiru, Finfinnee

Komiishnni mirga namaa Itiyoopiyaa UN WOMEN kan jedhamu qaama tokkummaa mootumootaa waliin ta’uu dhaan Muddee 14 bara 2013 qabee Finfinnee keessatti workshop guyyoota afurii jalqabee jira. workshoopn kun kan fuuleffate dubartoonni fiannoo keessatti ykn ennaa filannoo hirmaannaa isaan qaban irratti.

Baatilee hanga tokko dura akkuma ta’e rakkoon hin yaadamne yoo uumame male Itiyoopiyaa keessatti filannoon biyyoolessaa 6ffaan dhuma nuusa waggaa kanaatti geggeessama jedhamee eegama. Filannoo kana keessatti hirmaannaan dubartootaa maali? Dubartoonni sagalee uummata biyyattii walakkaa ta’u qabu. Haa ta’u malee filannoo keessatti hirmaannaas ta’e dhiibbaa isaan fidan hagas akka hin taane beekamaa dha. Kunis gabaabaatti ennaa ibsamu addunyaan kan dhiirotaa ti.

Ennaa tarreessamu garuu qabiyyeen isaa hedduu dha. Komiishinichatti gorsituu gameessa dhimma ijoolleef dubartootaa kan ta’an aadde Zinnaash workshop kana irraa kan nuti eegnu filannoo dhufaa jiruu fi seenaa siyaasa itti aanu keessatti hirmaannaan dubartootaa akka guddatu akkasumas filannoon sun qixxummaa saalaaf deebii kan kenne akka ta’u gochuuf projektii hojjetu tokkummaa mootummootaa waliin wal ta’uu dhaan raawwataa jirra jedhan. kanaanis dhiibbaa gochuuf haala qabatamaa irratti hundaa’uu dhaan milkaa’ina akka argatu gochuuf jecha jedhaniiru.

XS
SM
MD
LG