Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Baqattootaa fi Kanneen Qe’ee Irraa Buqqa’an Gargaaruuf Doolaara Miliyooa Dhibba Afur Ol Gargaarsa Gaafate 


Dhaabi baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa baqattootaa fi kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an balaa weerara COVID-19 jalaa bararuu akka gargaaruuf deggersa doolaara miliyoona $455 gaafatee jira jechuun Liissaa Shilaayin Jenevaa irraa gabaasteetti.

UNHCR Baqattootaa fi Kanneen Qe’ee Irraa Buqqa’an Gargaaruuf Doolaara Miliyooa Dhibba Afur Ol Gargaarsa Gaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:50 0:00


Namni martinuu vaayiresii koronaaf kan saaxilame dha. Haa ta’u malee vaayiresii kanaan dhukkubsachuu fi balaa du’aaf daran saaxilamoo kanneen ta’an keessaa baqattootaa fi kanneen q’ee ofii irraa buqa’anii fi namoota biyya keessa jiraatan hin qabaannee dha.

Weerarri vaayiresii kanaa erga uumamee qabee jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa byyoota 13 kessatti qorannaa geggeesseen garee dhibee kanaaf saaxilamoo ta’an dhibba irraa harka 74f fedhii bu’uuraa isaan barbaachisu walakkaa dhaa gad qofaa guutuufii danda’eera. Kun bara 2019 yeroo weerara sana duraa irra dhibba irraa harka 21 dabalee jira.

Dhibba irraa harka 80 ol kanneen ta’an haala gaarii hin ta’iniin jiraachuuf jecha qabeenyaa isaanii gurguruu dabalatee quunnamtii saalaaf dabarfamanii kennamuu akkasumas ijoollee hojii humnaatti bobbaasuu gargaaramu.

Dubbi himaan UNHCR Babar Baloch akka jedhanitti baqattoonni magaalaa keessa qubatan fedhii bu’uuraa guuttachuuf hojii guyyaa hojjetan irratti hirkatu. Garuu dalagaa fi qabeenyaan isaanii sababaa uggura sochii COVID -19f jecha tolfameef duraa dhabamee jira.

XS
SM
MD
LG