Xurree ittiin seenan

Breaking News

Warri Biyyoota Biraa Irraa Gara Ameerikaa Godaanan Hokkara Mana Maree Biyyattii Irratti Geggeefame Akkamitti Laalan?


Hookkara mana maree Ameerikaa irratti deeggartoota pirezdaant Traampin Amajjii 6, 2020 geggeeffame

 Kanneen dhiheenya gara Ameerikaa godaanan akkasumas lammii Ameerikaa ta’an hookkarri Mana Maree Ameerikaatti ta’e yaadannoo in taane itti fiduu dubbatan. 

Jiijii Meeyi hookkarri baduu lubbuu namootaaf sababa ta’e teechoo Mana Maree Ameerikaatti geggeeffame waan guddaa ishii barsiisuu isaa dubbatti.

“ Dimookiraasiin burkutuu dha, isa eeguuf humaa fi carraaqqii guddaa barbaada,” an jettu Jiijiin lammii Chaayinaa, umuriin oggaa 25 ti.

Jiijiin namoota biyyoota biraatti gara Ameerikaa godaanan akkasumas, lammii Ameerikaa ta’an fi jeequmsa Mana Maree Yunaaytid Isteets, Kaapitool Hiil keessatti kanneen kumaan lakkaawwamanin geggeeffame booda VOA-n dubbisee keessayi.

Akkuma addunyaan rifate, namoonni kunis hokkara poolisii tokkoo dabalatee du’a namoota shanii dhaqabsiise kanaan rifatani fi waan argan amanuu dadhaban ibsan. Tokko tokko waan uummame jeequmsa biyyoota irraa dhufanitti argaa turan isaan yaadachiise.

Filannoo Sadaasa sadi’ii dura, ilaalchii namootaa faaran hiramuun, himannaawwan yakka filannoo jira jedhame irratti banaman manneen murtii kutaalee fi an federaalaaltin kuffifamun, sochiiwwan pirezdaantii angoo irraa kaasuuf godhaman akkasumas sirna kakuu fi angoo fudhachuu Joo Baayden Roobii dhufu godhamu irratti ballinaan haasahaniiru. Ta’us, namoonni dubbsine kun dimookraasiin Ameerikaa - tattaafii godhamu wajjin - kana huda inuma damdamata jedhanii amanan.

Mirwaayis Saafii viisaa godaantotaa adda ta’e argatee gara Yunaaytid isteets dhufuu dura Afgaanistaan keessatti mootummaa Yunaaytid Isteetsif hojii turjumaanaa hojjachaa ture.

“Yunaaytid Isteets biyyootaa fi ardiiwwaan baayyee keessatti dimookiraasii dagaagsuuf, diinagdee guddisuuf, barumsa siviikii, mirga dhala nama akkasumaas waan adda addaa irratti qarqaaruuf doolaarii biliyoonaan lakkaawwamu baasti,” an jedhu, Mirwaayis, “waan argine garuu asuma Ameerikaa keessattuu hojiin hojjatamuu qabu baayyee ta’uu isaatii.” jechuudhan qeeqa.

Mirwaayis yeroo amma kana kutaa Varjiiniyaa keessaa dhaabbata bu’aaf in hojjannee tokkoof dimookiraasii fi guddina irratti hojjata.

Dhugaa Hadhooftuu

Koleejii magaala Niiw Yoork keessatti barsiisaa qorannoo fiilmii Afrikaa an ta’e Bowkaarii Sawwaadogoo haalli mana maree Yunaaytid Isteets keessatti mullate sun “ fiilmii hooliwuudii” malee dhugumaan bakka teechoo siyaasa Ameerikaatti muudatee ija isaatin nan arga jedhee yaadee in beekne ta’uu tarreesa. Bowkaariin Burkiinaa Faasotti guddate. Taateen Kaapitool Hiil mormii guddaa biyya isaatti bara 2014 geggeeffamee fi pirezdaantii biyyitti Afrikaa Dhihaa tanaa turan, Blaayis Compaaworo, angoo irraa buuse isa yaadachiisuus eere. Baras, mormitoonni paarlaamaa biyyattiitti abida qabsiisanii, seeratumtoonni lubbuu isaanii baafachuuf gamoo san keessaa baqachuu yaadata.

Seera tumtoonni Ameerikaas hookkara ture jalaa miliqfamaniiru. Garuu sa’aatilee muraasa booda hojii bahii filannoo ragaasisuu jalaqabanii turanitti deebi’an.

Kanneen Kaapitool dhuunfatanii turan gama isaaniin bahii filannoo biyya isaanii mormuuf mirga qabaachuu dubbatan.

Miseensi humna Neevii Yunaaytid Isteets, hidda dhaloota Veetinaam irraa ta’e, Turaan Anah, “Dhugaa barbaacha as jirra, yeroo kanneen sagalee kennan keessaa walakkaan, waan ta’e fudhachaa in jirre kanatti bahiin kun raggaasifamu fudhachuun gonkumaa waan in taane,” jedhuudhan maaliif mormii Kaapitool keessatti akka hirmaate ibse.

Bahiin sagalee illectoraal koleejii yeroo mana maree geeffamu
Bahiin sagalee illectoraal koleejii yeroo mana maree geeffamu

Kutaaleen Yunaaytid Isteets guyyootaaf ..kaan torbanootaaf sagalee kenname lakkaahaa turaniiti, dhumarratti Baayden sagalee miliyoona 81, Traamp immoo sagalee miliyoona 74 argachuun ifa an godhame. Dhumarrattis, sagalee Illeektoraal Kolleeji jedhamu murtii dhumaa agarsiisuun, Bideen sagalee 306, Traamp immoo 232 argatanii Baayden moo’uun ibsame.

Osmaan Ahimad tanaan dura seenataroota kutaa Minisootaa lamaaf hojjateera. “Akka nama waajjira san keessa hojjatuuttuu sakata’amtu malee Kaappitool Hiil seenuu in dandeechu,” an jedhu Osmaan, gamoon Kaapitoolii eegumsa jabaa qabaachuu dhugaa baha.

Bara 2019 hojii san gadhiisee dhaabbata miti mootummaa magaala Miniyaapolis keessatti ijaarsa hawaasummaa irratti xiyyeeffatuuf hojjachaa an jiru Osmaan wantti Kaapitol Hiil keessatti ta’e ijoolummaadhan Somaaliyaa keessatti waan arge isa yaadachiisuu dubbate. Poolisoonnii fi kanneen seera kabachiisan lubbuu hooggantoota filatamanii baasuu isaanitiin an isaan galateeffatu Osmaan, warra hookkara san irratti hirmaatan - baayyinni isaanii adii ta’an - keessaa muraasni qofti to’annaa jala oolfamuun “na yaaddessa” jedha. “Sun wanni agarsiisu, loogii sanyii irratti hudaahe fi dhabamuu walqixxuummaa hawaasaa... fi kanneen gurraachaa irra jiru - isaan irratti odoo ta’ee jiraatee akkas in ta’u ture.”


Xinxalli dhabbata miidiyaa CNN daataa poolisii Waashingitan irratti hundaahe baase akka agarsiisutti, hookkara Amajjii 6 uummameen wal qabatee namoota 61 tu to’annaa jala oolfame. Hiriira mormii mirga gurrachootaaf bahame “Black Lives Matter” jedhamu, Waxabajjii 1, 2020 ture irratti garuu namoota 316 tu to’atamee ture. Guyyaa san pirezdaant Traamp bataskaana Episkoopalii Seent Joon funduratti kitaaba qulqulluu qabatanii suuraa ka’uuf waajjira isaanittii yeroo bahanitti ture, mormitoonni dirqiidhan karaarraa akka deeman an godhame.

Bilisummaa

Torban darbe, pirezdaant Traamp angoo irraa buqqisuuf miseensonni mana maree Dimookiraatii hundumtuu, Ripablikaanii irraa immoo 10 sagalee isaanii kennaniiru. Sirni angoo irraa buqqisuu yeroo lamaataaf pirezdaant Traamp irratti geggeessan kun, Traamp hokkaraan bahii filannoo Ameerikaa kuffisuuf kanneen hirmaatan kakaasaniiru jechuudhani. Pirezdaantichi himannaa kana kuffisaniiru.

Karaa biraatiin miidiyaaleen hawaasummaa; Twiiterii, Feesbuukiin, fi kaan Traamp yaadota haala hammeessan fayyadamaniiru jechuudhan midiyaawwan kana irraa isaan ugguraniiru.

Ogeessi sooft weerii, Juuniyar Bompeetii Daalaas Teeksaas irraa, “kuni waan amanuufuu nama dhibu! Mirga yaada ibsachuu qabna,” jechuudhan murtii miidiyaalee hawaasummaa morme. Juuniyaar bara 2015 Dimookiraatiik Ripablikii Koongoo irraa gara Ameerikaa godaane. Juuniyer deegaraa Traamp oggaa ta’u marsariitii “Lammiiwwan Kongoo Traampiif” jedhu banee geggeessa.

Furmaata

Karaa biraatin, amanamummaa fi dimookiraasii hojiirra oolu ijaaruun wal kabajuu, barumsaa fi hirmaanaa siivikii gaafata jedhu Juuniyar fi kanneen VOA-n dubbise kaan.

Roobaa Bulgaa Itoophiyaa irraa dhufe. Yunvarsiitii Braandeyis keessatti “Conflict Resolution” jechuunis, damee barumsaa walitti - bu’iinsa hiiku barachaa jira.

“Paartilen siyaasaa adda addummaa isaan edduu jiran (amma ta’e) irratti xiyyeeffannoo gochuu dhisuu qaban an jedhu Rooban, yeroon kun yeroo araaraa, yeroo namni hundi akka biyyaatti, gara tokkotti akka dhufuu irratti hojjatamuu qabus ta’uu ibsa.

Roobaa Bulgaa
Roobaa Bulgaa

“Gaga’amni dimookiraasii asitti dhaqabu biyyota kaanillee wan wal fakkaataaf saaxiluu mala,” an jedhu Rooban, daangaa Ameerikaan alatti cehanii yaaduun akka barbaachisu waamicha dhiheessa.

Sonaam Zoksang Niiw Yoorki irraa, “dimookiraasiin cimina isaa agarsiisera, garuummoo eegumsa fedha,” jedhe.

Bara 1995 Tibeet irraa gara Ameerika an dhufe Sonaam, filatamaan pirezdaantii Joo baayden ergaa tokkuummaa fi araaraa dabarsaan abdiin eeggachaa jiraachuu ibse.

“Hoggansii haaraan kunii fi Ripaablikaanonni gaarin wajjin hojjatu jedheen abdadha. Addunyaan Ameerikaa akka fakkeenyatti laalti,” jechuudhan hawii fi abdii qabu hime.

Gabaasni kun kutaalee VOA adda addaa irraa walitti qabame. Barreesitoonni: Maariyaamaa Diyaaloo, Kerool Guweensbargi, fi Elizabeex Haagsi. Afaan Oromootti an hiike: Tigist Gammee

XS
SM
MD
LG