Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gaazexxessoota Hiite Gadhiisuu Qabdi: CPJ


Gareen Mirga Gazeexxesootaaf falmuu(CPJ)n har'a Kibxata har'a baaseen Itiyoophiyaan Gaazexxessootaa fi hojjattoota hidhaman akka gaadhiiftuuf gaafate.

Humnootii mootummaa Itiyoophiyaa fi kan wal taatoota isaanii kanneen Tigraay keessaan hidhaman jedhe.Yoo xiqqaatee Gaazexxeessonni fi hojjatoonni Midiyaa 4 dhiyeenya kana waa'ee walitti bu'iinsa Tigraay keessaatti gaggeeffame kan ilaaleen gabaasuuf ennaa yaalanti magaala Maqalee keessatti hidhaman jedha jaarmayaan kun.

Dhaabata oduu Ajaans Fraans Prees(AFP) fi Gaazeexaa Briiteen Faaynaanshiyaal Taayiims jedhamuuf kanneen afaan hiikan ykn Turjuumaana kan ta'anii fi gaazexxeessonni biyya keessaa Guraandhala 27, 2021 hidhamuu maddeen maqaan akka hin ibsamnee gaafatan ibsanii jiru jedha.

Kana malees oduu gabaasaan Bii Bii Sii(BBC) Wiixata kaleessaa magaala Maqalee keessatti qabamee mooraa waraanaa naannoo jiru keessatti hidhamuu dhaabtichi beeksisee jira jedha gareen mirga gaazexxessootaaf falmu Sii Pii Jeen.

XS
SM
MD
LG