Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiindiin Namoonni 300,000 ol Haaraa COVID-19n Qabamuu Gabaaste 


Hindiin guyyoota 12 walitti aanuuf guyyaa guyyaatti namoonni 300,000 ol haaraa vaayiresii koronaan qabamuu gabaastee jirti. Sa’aatii 24 darbe keessa qofaa namoonni 368,147 vayiresii kanaan qabamuu beeksiste jirti.

Hindiin addunyaa irraa dawaa oomishuun kan beekamtu ta’us uummata ishee biliyoona 1.3 keessaa dhibba irraa harka lama qofaan talaallii argachuu isaanii gabaasaaleen naannoo beeksisaniiru.

Dura taa’aan waaltaa dawaa oomishu kan hindii Adaar Poonawaalaa,” Waaqi iyyuu dursee kan akkasiitu ta’a jedhee waan himu natti hin fakkaatu” jechuu dhaan gaazixaa Biriteen The Sunday Times jedhuuf ibsanii jiran.

Dureessichi umuriin waggaa 40 gaazixaa sana waliin gaaffii fi deebii erga geggeessanii booda qeeqa dhiyeessuu dhaan, gatii talaallii kan gad cabsanii fi tarkaanfiin kunis biyyoonni talaallii itti dabalaa argatanii lubbuu hedduu oolchuuf gargaara jedhan.

Yunaayitid Isteetis keessaa immoo, hoogganaan hojjettootaa Ron Klain dhaabbata oduu TV CBS kan “Face the Nation” jedhuuf akka himanitti gargaarsi Hindiif akka dhaqqabu ariifachiisaa jirra jedhan. Talus Ameerikaanis faca’ina vaayiresichaa ittisuuf tarkaanfii fudhataa jirti jedhaniiru. White House jimaata ibsa kenneen Kibxata boriitii jalqabee Yunaayitid Isteetis balaliin Hindii irraa akka hin dhufne ni dhaabdi jedhee jira.

Yunaayitid Isteetis xayyaaronni humna qilleensaa lama siliinderii Oxygen baatu, Maaskii N95 jedhamu fi meeshaalee qoannaa gara Hindiitti erguuf jirti. Taayiwaanis oxygen akkaan barbaachisu eruu beeksiste.

Ministeerri eegumsa fayyaa Indooneshiyaa budii Gunaadii Sadiikiin akka jedanitti namoonni gosa vaayiresii isa haaran qabaman tokko Hindii irraa tokko immoo Afriikaa kibbaa irraa gamas seenuu beeksisan.

Gama biraan Waaltaan to’annoo dhukkubootaa kan US namoonni talaallii fudhatan iyyuu vaayiresii haaraa sanaan qabamuu waan danda’aniif imala gara Indoonesiyaatti godhan akka gorse jira.

Waaltaan qorannoo vaayiresii koronaa Joons Hopkins har’a ganama akka gabaasetti addunyaa irraa namoota miliyoona 152.8tu COVID-19n qabaman. Kana keessaa Ameerikaan sadarkaa duraa irra kan jirtu yoo ta’u uummata miliyoonni 32.4 HIndii keessaa immoo miliyoona 30tti kan hedaman akkasumas Brazil keessaa miliyoonni 14.7 vaayiresii kanaan qabamuun gabaasameera.

XS
SM
MD
LG