Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa  Keessatti Haleellaan Oguma Gaazixeessummaa Irratti Oofamu Itti Fufe 


Somaaliyaan walabummaa presiitiin Afriikaa keessaa sadarkaa gadii kan ta’an keessaa tokko yoo taatu, filannoon gaanfa Afriikaa keessatti geggeessamu dhiyaataa waan dhufeef, angawoonni gaazixeessotaaf deggrsa itti dabalaa akka godhan kanneen miidiyaaf falman gaafatanii jiru jedha gabaasi Mohammed Kaahiyyee Moqaadishoo irraa erge.

Baatilee arfan darban keessa Somaaliyaa keessaa angawoonni sabaa himaalee sadii weeraruu dhaan gaazixeessota 30 ta’an hidhanii jiran. Baatii Bitootessaa keessa immoo poolisiin gaazixeessota hojii irra jiranii fi kanneen birootti dhukaasuu dhaan lamaan isaanii madeessee jira.

Yaadawwan Ilaali (1)

XS
SM
MD
LG